Gaaffii abbaa biyyummaa, kan jaarraa oliif ture,
Baroota hedduuf ka’ee, deebii homaatu dhabe,
Hedduun itti dhumee, hedduun itti hidhame,
Harki itti ciramee, harmi irraa murame,
Akka harree fi gaangoo takaallaan oofamee,
Faanni ilaalamee, ilkeen lakkaawamee,
Mootummaa Ixoophiyaan, gabaatti baafamee, hedduun gurgurame(2)
Hiraarri kun hunduu, waan jiruuf har’a illee,
“Kun dhaabbatuu qaba !”, jedhee eerga murteessee,
Abdataa Olaansaa falmaa kan eegale(2)
Falmaan isaa kun, falmaa dhugaa ta’ee,
Hundumaa hiriirsee diina dura dhaabee,
Onnee abbootii isaatii dhalmayaan fudhate,
Kan sodaa hin beekne, homaa irraa deebine,
Haga funyaaniitti, diina qawwee hidhate,
Bakka lixxu dhowwee, kokkee isii qabee,
Diina wat-waachise, sodaa itti naqe. (2)
Maqalee fi Finfinneetti teessumma godhattee,
Ilmaa tigrootaa shira irratti xaxxee,
Gaaffii ummata Oromoo kan dhaabdu itti fakkaatee,
Wabii fi abdii borii, Oromiyaaf egeree,
Abdataa Olaansaa qacaleetti kutte(2)
Du’a isaa dhagahee, rifatuun holladhee,
Aariidhaan waadamee, garaan na gubatee,
Inimmaan ija irraa jigee gadi na yaa’ee,
“Gootaaf hin boowani haaloo bahuuf malee,”
Geggeessaa Abdataa Olaansaaf
sababuma awala gota keegnaa abdeta olansatiin walqabate ijolee baratoota maqaan isaani
1,tadesa tesfaye
2,gutema tolicha
3,kasa w/samayet
4,turuna fufa
5,birhanu milkesa
6,fayisa gudisa
7,ararsa hirpesa
8,dejene dandana
9,gadisa bayisa fi kan maqqan isaani hin bekamin dhibootaan lakawamaan hidhaati naqqaan baka isa walaalun matiin ijolee kana rakacha jiru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist