Namni Cooma Quufe, Sangaa Adii Manattii Jibba!

Hariiroo Jorgootiin.

Barreessaa dhugaa baasa!Yeroo har’aa quufni ilmaan TPLF Tigraay, Oromiyaa keessatti faagaa ba’eeti daangaa cabsee, namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba akka Oromoon jedttu sanadha ta’e. Oromiyaan ilmaan isheef hin taane malee dhugumatti biyya dureettiidha. Ilmaan Tigraay kun Oromiyaa biyya dureettii kanafi uummattoota kibbaa akkasumas guutummaa biyyattii erga dargii arihanii itti darbanii gabroonfatanii as, quufanii akka ta’an wallaalanii sadarkaa seeraafi heeraan bitamuu bira darbanii sadarkaa sodaa Waaqaas ta’e heera addunyaatiin jiraachuu tuffachuutti cehanii tuffii maal fiddiitiin, safuu dhabatti qaanii tokko malee farda salphinaa fe’atanii baxaraanummaan garmaaman. Finfinneen lafa Oromiyaati. Sanuu han’uura. Kana Waaqatu godhe. Heerri biyyattis ifatti lafa kaayee jira. Keeyyatni 49/6 kana hin haalle. Hinumaatuu Oromiyaan faayidaa addaa Finfinnee irraa argatuu akka qabdu muree haqa Oromiyaa lafa kaayeera. Haata’u malee wanti ta’aa tureefi ta’aa jiru ammoo faallaa heera mootummaa biyya kanaati. Abbaa biyyummaa Oromiyaa kana mulqaa turani. Gama seeraan heera tumamee taa’e kana hojiirra oolchuuf kan socho’e tokkollee hinjiru. Hamma danda’ametti dhoksaatiin wayta garii ammas ifatti lafa Oromiyaa kana yeroo akka qircaatti hiratan kan argaa turreefi jirudha.Namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s