Hariiroo Jorgootiin.
Yeroo har’aa quufni ilmaan TPLF Tigraay, Oromiyaa keessatti faagaa ba’eeti daangaa cabsee, namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba akka Oromoon jedttu sanadha ta’e. Oromiyaan ilmaan isheef hin taane malee dhugumatti biyya dureettiidha. Ilmaan Tigraay kun Oromiyaa biyya dureettii kanafi uummattoota kibbaa akkasumas guutummaa biyyattii erga dargii arihanii itti darbanii gabroonfatanii as, quufanii akka ta’an wallaalanii sadarkaa seeraafi heeraan bitamuu bira darbanii sadarkaa sodaa Waaqaas ta’e heera addunyaatiin jiraachuu tuffachuutti cehanii tuffii maal fiddiitiin, safuu dhabatti qaanii tokko malee farda salphinaa fe’atanii baxaraanummaan garmaaman. Finfinneen lafa Oromiyaati. Sanuu han’uura. Kana Waaqatu godhe. Heerri biyyattis ifatti lafa kaayee jira. Keeyyatni 49/6 kana hin haalle. Hinumaatuu Oromiyaan faayidaa addaa Finfinnee irraa argatuu akka qabdu muree haqa Oromiyaa lafa kaayeera. Haata’u malee wanti ta’aa tureefi ta’aa jiru ammoo faallaa heera mootummaa biyya kanaati. Abbaa biyyummaa Oromiyaa kana mulqaa turani. Gama seeraan heera tumamee taa’e kana hojiirra oolchuuf kan socho’e tokkollee hinjiru. Hamma danda’ametti dhoksaatiin wayta garii ammas ifatti lafa Oromiyaa kana yeroo akka qircaatti hiratan kan argaa turreefi jirudha.Namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba
Waaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii , sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.

