Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 6, 2016

Aside

Qeerroon Oromoo Biyya Ingilizii Magaaaa London Keessatti Gootota Oromiyaaf Falmaa Jiraniif Sagalee fi Irree Ta’uuf Jecha Halkanii Guyyaa Dhaa Tumsa Muldhisan.

Aside

AMMAAN BOODA JIRAA OROMOO DHIISITII DU’AAN OROMOOLLEE HARQOOTA GABRUMMAA HIN BAATU

Aside

Taammanaa Bitimaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Kunoo, amma bara moofaa keessaa gara bara haaraatti dabarree jirra. Barri dabre kun, barri 2015 bara Oromooti jechuu dandeenya. Kan bara san bara Oromoo taasese immoo Qabsoo Oromoo isa Dhaloota Qubeetiin dachee Oromiyaa sochoosee, diina Oromoo ollachiise sani. Jarri qawwee baaddhatee, harree ooffatee, barabaasoon Oromiyaa seenee qabeenya uummata Oromoo saammatee, abbootii kitilaa (abbootii miliyoonaa) tahe kun, kunoo waggaalee 24 guutuu qawween gateettii isaa irraa hin bune. Takkaa qawwee boraafatee rafuu hin dhiifne. Amma qawween lafee fi dhiiga isaa keessa tuulamuun sammuu isaayyuu weerare jira. Eeyyee, jarri qawwee bakka amantii ofii buufate kun kan durii caala, bara dabre kana keessa dhiiga ijoollee Oromoo akka galaana Adoolessaatti dhangalaasee jira. Haadholii fi ijoollee bira kutee akkoowwanillee galaafatee argama. Shamarran Oromoo, ililliiwwan teenya humna qawweetiin gudeeduun nu jalaa salphiseeti jira. Guddattuu waggaa torbaallee otoo hin hambisin galaafatee argama.
Kana hundaa oggaa godhu, uummanni addunyaa teeknolojii bara ammayyaa isa ijoolleen Oromoo irra geesseen daawwachaa ture. Ammallee ittuma jira. Mee eenyutu, xiinxalaa seenaa fi taliigaa (siyaasaa) isa kamtu Oromiyaa guutuu irraa, gandeeni fi magaalattiiwwan takkallee otoo hin hafin, Oromoon akkanatti ka’uun sochowee dachee sochoosa jedhee himee ture? Maarree, sabni akkasitti hudhamee waanjoo gabrummaa jala jiru, hudhaatiin sun hafuura tokkollee baafachuu isa dhoowwinaan akkasitti olka’e. Ammas jarri sammuun isaanii gara qawweetti geeddarame kun, qaawa tokkollee waan nuuf hin dhiifneef irra-caalaa akka waltaanee kaanu, akka waltaanee fincillu nu dhiibaa jiru. Ammas kan bara dabree caalaa akka alaa-manaa waltaanee sochoonu nu gochaa jiru. Ammaan booda jiraa Oromoo dhiisitii du’aan Oromoollee diina biyya keenya qabateen dhiddhiitamee buluu akka hin qabne, uummanni Oromoos beekee jira, Waaqnis isaaf beekee jira! Tokkummaan isaa, seexaan isaa, tooftaa fi malli isaa kana caalaa jabaatee itti-fufuu qaba! Uummanni Oromoo abbaan nagaa fi nageenyaa kun, inni nagaa ilmoo namaa dhiisitii kan bineeyyii fi biqiltuuwwanillee eegee bulu kun, daangaa namaa hin dabarre, nagaa ollaa fi namoota biyya isaa keessa nagaan jiraatanii hin booressine. Ammoo, warra jibbii fi qawween sammuu fi onnee isaa dhuunfate kanaan qeyeedhuma isaa keessatti, araddaadhuma isaa irratti dararamaa, ijoolleen isaa akka baala mukaatti jalaa harcawaa jirti. Warri Wayyaanee kun sadarkaa ilmoo namaa irraa gara sadarkaa bineensaatti ofumaan of gadibuusanii argamu. Kanaaf, uummannii fi sabni Oromoo qabsoo bilisummaa fi walabummaa isaa daran cimsee itti-fufuu malee, filmaata biraa tokkollee hin qabu! AMMAAN BOODA JIRAA OROMOO DHIISITII DU

Wallee Warraaqsaa Haaraa,Artist Mo’ibul Biluu Qawween ( Hawwisoo Qeerroo) Amajjii 5,2015

Aside

Mudde 5,2015 Ficila Xumura Gabrummaa(FXG) Dargaggooni Oromoo Kaaba Shaggar Garba Guracha Keessatti Gaggeessan.

Aside

Har’a Amajjii 5,2016 Godina Wallaggaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Carii Jaarsoo Keessatti Gootonni Qeerroon Fincila Xumura Gabrummaa Itti Fufaa Oolan.

Aside

Mootummaa Itiyophiyaan Hangamuu Waraanni Irratti Labsame Gootonni Dargaggoonni Oromoo Warraaqsa Fincila Xummura Gabrummaa Daran Jabeessaa Jirtu.

Aside

Amajjii 5,2016 Warraaqsii Fincila Xummuura Gabrummaa daran jabaachuun itti fufe, goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Godinaalee
Lixa Shaggar Barnootni Bilisummaa Booda(BBB)jechuun guutummatti Bara 2016 Gara Mooraa Mana barnootatti hin deebinu Qabsoon Keenya Hanga Bilisummatti itti fufu jechuun Warraaqsaa finiinsuun Jabeessan.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Goototni Qeerroon barattootni Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B
Midaa Qanyii Goodaa Galaan sadarkaa 2ffaa fi M/B Qanyii Bahaa Biiftuu Sadarkaa 2ffaa Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa hanga 10ffaatti jiruu lamaa fi manni barumsaa qophaa’inaa tokko dabalatee Warraaqsaa daran jabeessuun mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf
kabajamee mirga barachuu fi mirga nagaan baanee galuu argannee gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin sirnaa nuuf
kennamee Mootummaan Yakka Duguuginsa Sanyii (Genocide) nurratti gaggeessa jiruSeeraa Idil-Addunyaa ICCtti dhiyaatee gaafatamuutti Barnoota hin barannuu, Guutummaa bara 2016 kana Gara Mooraa Barnootatti hin deebinuu jechuun Walga’uun Sagalee tokkoon Guutummaa
bara kana gara mana barnootatti hin deebinuu jechuun cufuun gara maatii isaanitti socho’ani jiru.
Haaluma walfakkaatuun Godina Lixa shaggar Aanota akka Dandii Gincii, Ejeree, Olonkomii, Mettaa Roobii, Mogor, Aadaa’aa Bargaa, Gindabaratitti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Erga warraaqsii fincila diddaa gabrummaa egaalee cufamanii hanga ammatti itti fufinsaan cufamanii jiraachuufi uummatnis mooraan barnootaa waraanaan qabamee jiruu fi mootummaa waraana nurratti labsee ilmaankeenya manneen barnootaa keessatti ajjeesaa waan jiruuf banamuu hin qabuu jechuun murtii fudhatan. Humni guddaan biyya kana keessa galeera jechuun ammas itti fufuun humna waraana isaa Godina lIxa Shaggar keessa qubsiisuun uummata Oromoo nagaa manguddoo hanga dargaggoota ganna 12tti jiran daandii irraa qabee hidhaatti guuraa jiraachuunis ibsame jira.

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo Keesatti Hojjettoonni Mootummaa Hidhamanii Dararamaa Jiru.

Aside

Barsiisaa Girmaa Caalaa Lataa

Barsiisaa Girmaa Caalaa Lataa

Amajjii 5,2016, Oromoonni hedduun Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo keessatti hidhamanii daraaraa argaa jiran FDG ka’ee tureen wal qabatee namoonni hidhaman keessaa gariin hojjettoota mootummaa dha,isaan keessaa tokko

  1. Obbo Zrihuun mi’eessa aanaa bachootti hojjetaa buufata fayyaa jaatoo(cilinical nurse)dhalootan aanaa tolee ganda bilii
  2. Obbo Maallimaa,Shaambuu daadhii innis hojjetuma buufata sanaafi dhalataa ganda Sanaa
  3. Obbo Asaffaa hojjetaa buufata fayyaa tulluboolloo,dhalootan aanaa Bachoo ganda dhakaa guddaa,falmataa Lataa
  4. Kana malees Girmaa Caalaa lataa barsiisa secondary Tuluboolloo fi kadhimama paarlaamaa OFC waliin kan ture gaafa 8/12/2015 hiriiraa mormii magaala Tuluboolloo ti ta’een akka malee reebamee kan hidhame ammas maatiin illee wal kan hin argisiifnee fi walisoti hidhanii daraaraa akka jiran .

SBO AMAJJII 06,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi Gabaasa Guyyaa WBO Amajjii 1, Giddu Gala Mooraa Leenjii ABO fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagalootti kan dhalate Barataa kolleejjii barsiisotaa Mattuu tti Barataa waggaa jalqabaa yeroo ta’u, Humnoota tikaa Wayyaaneetiin magaalaa mattuu keessatti torbee tokko dura ukkaamfame

Aside

FB_IMG_1451977092499 FB_IMG_1451977095805