Amajjii 5,2016 Warraaqsii Fincila Xummuura Gabrummaa daran jabaachuun itti fufe, goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Godinaalee
Lixa Shaggar Barnootni Bilisummaa Booda(BBB)jechuun guutummatti Bara 2016 Gara Mooraa Mana barnootatti hin deebinu Qabsoon Keenya Hanga Bilisummatti itti fufu jechuun Warraaqsaa finiinsuun Jabeessan.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Goototni Qeerroon barattootni Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B
Midaa Qanyii Goodaa Galaan sadarkaa 2ffaa fi M/B Qanyii Bahaa Biiftuu Sadarkaa 2ffaa Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa hanga 10ffaatti jiruu lamaa fi manni barumsaa qophaa’inaa tokko dabalatee Warraaqsaa daran jabeessuun mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf
kabajamee mirga barachuu fi mirga nagaan baanee galuu argannee gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin sirnaa nuuf
kennamee Mootummaan Yakka Duguuginsa Sanyii (Genocide) nurratti gaggeessa jiruSeeraa Idil-Addunyaa ICCtti dhiyaatee gaafatamuutti Barnoota hin barannuu, Guutummaa bara 2016 kana Gara Mooraa Barnootatti hin deebinuu jechuun Walga’uun Sagalee tokkoon Guutummaa
bara kana gara mana barnootatti hin deebinuu jechuun cufuun gara maatii isaanitti socho’ani jiru.
Haaluma walfakkaatuun Godina Lixa shaggar Aanota akka Dandii Gincii, Ejeree, Olonkomii, Mettaa Roobii, Mogor, Aadaa’aa Bargaa, Gindabaratitti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Erga warraaqsii fincila diddaa gabrummaa egaalee cufamanii hanga ammatti itti fufinsaan cufamanii jiraachuufi uummatnis mooraan barnootaa waraanaan qabamee jiruu fi mootummaa waraana nurratti labsee ilmaankeenya manneen barnootaa keessatti ajjeesaa waan jiruuf banamuu hin qabuu jechuun murtii fudhatan. Humni guddaan biyya kana keessa galeera jechuun ammas itti fufuun humna waraana isaa Godina lIxa Shaggar keessa qubsiisuun uummata Oromoo nagaa manguddoo hanga dargaggoota ganna 12tti jiran daandii irraa qabee hidhaatti guuraa jiraachuunis ibsame jira.