AMMAAN BOODA JIRAA OROMOO DHIISITII DU’AAN OROMOOLLEE HARQOOTA GABRUMMAA HIN BAATU

Taammanaa Bitimaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Kunoo, amma bara moofaa keessaa gara bara haaraatti dabarree jirra. Barri dabre kun, barri 2015 bara Oromooti jechuu dandeenya. Kan bara san bara Oromoo taasese immoo Qabsoo Oromoo isa Dhaloota Qubeetiin dachee Oromiyaa sochoosee, diina Oromoo ollachiise sani. Jarri qawwee baaddhatee, harree ooffatee, barabaasoon Oromiyaa seenee qabeenya uummata Oromoo saammatee, abbootii kitilaa (abbootii miliyoonaa) tahe kun, kunoo waggaalee 24 guutuu qawween gateettii isaa irraa hin bune. Takkaa qawwee boraafatee rafuu hin dhiifne. Amma qawween lafee fi dhiiga isaa keessa tuulamuun sammuu isaayyuu weerare jira. Eeyyee, jarri qawwee bakka amantii ofii buufate kun kan durii caala, bara dabre kana keessa dhiiga ijoollee Oromoo akka galaana Adoolessaatti dhangalaasee jira. Haadholii fi ijoollee bira kutee akkoowwanillee galaafatee argama. Shamarran Oromoo, ililliiwwan teenya humna qawweetiin gudeeduun nu jalaa salphiseeti jira. Guddattuu waggaa torbaallee otoo hin hambisin galaafatee argama.
Kana hundaa oggaa godhu, uummanni addunyaa teeknolojii bara ammayyaa isa ijoolleen Oromoo irra geesseen daawwachaa ture. Ammallee ittuma jira. Mee eenyutu, xiinxalaa seenaa fi taliigaa (siyaasaa) isa kamtu Oromiyaa guutuu irraa, gandeeni fi magaalattiiwwan takkallee otoo hin hafin, Oromoon akkanatti ka’uun sochowee dachee sochoosa jedhee himee ture? Maarree, sabni akkasitti hudhamee waanjoo gabrummaa jala jiru, hudhaatiin sun hafuura tokkollee baafachuu isa dhoowwinaan akkasitti olka’e. Ammas jarri sammuun isaanii gara qawweetti geeddarame kun, qaawa tokkollee waan nuuf hin dhiifneef irra-caalaa akka waltaanee kaanu, akka waltaanee fincillu nu dhiibaa jiru. Ammas kan bara dabree caalaa akka alaa-manaa waltaanee sochoonu nu gochaa jiru. Ammaan booda jiraa Oromoo dhiisitii du’aan Oromoollee diina biyya keenya qabateen dhiddhiitamee buluu akka hin qabne, uummanni Oromoos beekee jira, Waaqnis isaaf beekee jira! Tokkummaan isaa, seexaan isaa, tooftaa fi malli isaa kana caalaa jabaatee itti-fufuu qaba! Uummanni Oromoo abbaan nagaa fi nageenyaa kun, inni nagaa ilmoo namaa dhiisitii kan bineeyyii fi biqiltuuwwanillee eegee bulu kun, daangaa namaa hin dabarre, nagaa ollaa fi namoota biyya isaa keessa nagaan jiraatanii hin booressine. Ammoo, warra jibbii fi qawween sammuu fi onnee isaa dhuunfate kanaan qeyeedhuma isaa keessatti, araddaadhuma isaa irratti dararamaa, ijoolleen isaa akka baala mukaatti jalaa harcawaa jirti. Warri Wayyaanee kun sadarkaa ilmoo namaa irraa gara sadarkaa bineensaatti ofumaan of gadibuusanii argamu. Kanaaf, uummannii fi sabni Oromoo qabsoo bilisummaa fi walabummaa isaa daran cimsee itti-fufuu malee, filmaata biraa tokkollee hin qabu! AMMAAN BOODA JIRAA OROMOO DHIISITII DU

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s