Ammajjii 20/2016 Magaalaa Finfinnee Keessatti Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun Daragaggootni Oromoo Wallee Wallee Warraaqsaa fi Dhaadannoo FXG dhageesisan, Waraanni Wayyaanee Ayyaana Cuuphaa fi Dargaggoota Oromoo Shororkeessa oole!!‏

W0AAAnjgAmajjii 20,2016 Guyyaa Hardhaa Magaalaa Finfinnee keessatti Goototni Daragaggootni Oromoo Hojii Humnaa Hojjechuun of jiraachisan Ayyaanaa Cuuphaa sababeeffachuun walitti dhufuun Dhaadannoo fi Wallee Warraaqsaa Dhageesisuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF Balaaleeffachuun ABO Faarsaan , Ayyaanni Cuuphaa kunis Sababaa Mootummaan Wayyaanee Humna waraanaa Guddaa irratti bobbaaseen uummatni Keessattuu Hordoftootni amantaa Kiristaana Ortoodoksii , nagaan ayyaaneeffachuu akka hindandeenyee fi Uummatni Waraanaan sodaachifamee Humna waraana mootummaa Wayyaanee EPRDF’n Shoroorkeessa guddaa ummatarraan ga’uun ibsame jira.

Goototni Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Finfinnee keessatti argaman walitti dhufuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa , mirga dimookiraasii fi kabajamuu mirgoota amantaa hundaa fi bilisummaa uummataa Oromoof jechaa karaa nagaa utuu mormanii wareegamaan gadda
guddaan ni yaadanna. Warraaqsaa FXG jabeessinee itti fufna jechuun Sagalee dhaadannoo fi wallee warraaqsaa dhageesisuun mormii qaban
ibsatan. Wallee Warraaqsaan Nuf jiraadhu ABO koo yaabbaa biyyaa utuun ilaaluu Oromiyaa biyyaa koo hin kennuu kanaafan iyyaa, Korma Guduruu Oromoon ABO’n gootumaa duruu , ABOn biyyaa hin gurguruu jechuun wallee warraaqsaa fi dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhaman haa hiikaman, ilmaan Oromoo ajjeefamaniin mootummaan itti haa gafatamu jedhuun dhaadannoo Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee jiran keessatti dhageesisan. Addatti Kutaa Magaalaa finfinnee Yakka jedhamuu Daandii gara Magaalaa Laga Xaafoo Laga daadhii itti baasuu bakka Karraa jedhamutti Dargaggoota Oromoo fi humna waraanaa wayyaanee poolisii federaalaa gidduutti walitti bu’insa uumameen dargaggootni hedduun Poolisii Federaalaan reebamuun gabaafamera, gabaasa waliigalaa Ayyaanaa Cuphaa fi mormii uummataa isiniif ni dhiyeessina.

2 thoughts on “Ammajjii 20/2016 Magaalaa Finfinnee Keessatti Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun Daragaggootni Oromoo Wallee Wallee Warraaqsaa fi Dhaadannoo FXG dhageesisan, Waraanni Wayyaanee Ayyaana Cuuphaa fi Dargaggoota Oromoo Shororkeessa oole!!‏

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

  2. Dhugumma haras itti fufee oleera 21/01/2016 sa’atti 2:30 eegale hanga dhihutti itti fufee olee
    kormaa guduruu wbon koo lafa hin gurguruu
    korma guduruu maraaran lafa hin gurguruu
    korma guduruu Baaqaalla leencumma duru……..

    Sambata guddaa habashaan maalif nu bulchaa

    baala adheesa abshir amma baati guman barataa keenya jechudhaan fulduraa saroota waayyaanee dhaabatani dhadaanno cima dhageesisaa olan

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s