Qeerroon Bilisummaa Oromoo Wal Dorgommii Ispoortii Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Yuuniarsiitootaa Yuunivarsiitiin Jimmaa Qopheessa Jiruu Ilaalchisuun Xalaayaa Ariifachiisaa  Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaatiif Barreesse.

Aside

Amajjii Gaafa 25 Bara 2016

Bulchiinsa Yuniversitii Jimmaaf

imagesHaalli yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtuu daran ulfaataa fi hedduu lubbuu ilma namaaf yaaddessaa ta’uun ifaadha, Erga Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDON Oromiyaa fi Uummata Oromoo irratti Waraana labsee guutummaan Oromiyaa gara dirree waraanatti jijjiramera. Mootummaan abbaa irrees loltoota isaa daangaa irraa qabuu walakkaa ol gara Oromiyaatti deebisuun gandoota baadiyaa keessa illee lotoota Agaazii jedhamanii fi Makalaakiyaa qubsiisuun guyyaa guyyaan uummata nagaan gaaffii mirgaa gaafate irratti dhukaasuun ajjeesaa jiru, Dhaabbilee barnootaa keessatti barattoota Oromoo rasaasaan adamsuun ajjeesaa erga turani booda dhiyeenya kana immoo tarkaanfii jumlaa fudhachuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi teekinoolojii Kittoo Furdisaa irratti dhuka’aa barattoota irratti darbachuun Barattoota 35 olitti Lakka’aman Madeessuun gaggaga’amni ulfaataan barattoota Orromoo irraa ga’ee jiraachuun ifaadha.

Kun utuu kanaan jiruu yeroo ammaa kanatti Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa WAL DORGOMMII ISPOORTII DHAABBILEE BARNOOTA OLAANOO YUUNIBARSIITOOTAN GAGGEESSA jechuun qophii gochuun lubbuu ilmaan namootaaf uummata yaaddoo keessa galchee jira, Biyyaa Mootummaan Waraana uummatarratti Labsee jiruu fi guyyuu rasaasaan barattoota galaafachaa jiru keessatti sagantaa Isportii kana qopheessuun yakka ulfaata ta’uu ni hubachiifna.

Addatt iyyuu  yeroo amma kana Oromiyaan Mootummaa mataa ishee dhabuu irraan raafama ulfaataa fi lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’amu guyyaa guyyaan galaafatamaa jira., ilmaan Oromoo Kumoota dhibbaan lakka’aman qaama hir’achaa fi Ilmaan Oromoo Walakkaa Miliyoonaatti Lakka’aman jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuun Yakki ulfaataan duguuginsii sanyii(Genocide) kun  Oromoo fi Oromiyaa irraa qaari’ee dubbiin dhugaan kun gurraa Addunyaa biyya lafaa hunda wal ga’uun Biyyootni Addunyaa fi biyyootni Gamtoomaan kanneen akka Gamtaa Awurooppaa(European Union), Dhaabbatni mootummoota Gamtoomanii UN, Dhaabbileen Mirgoota Namummaa Afrikaa fi Addunyaa ibsoota garaagaraa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti baasaa kan jiranii fi  Sabaa himaaleen akka BBC, Al-Jeziraa. CNN, FI Sabaa himaaleen Oromoo SBO, TV Gaaddisaa, OMN, VOA,OVR fI Social medialeen addunyaa hedduun akka guutummaa Addunyaatti rakkoo mootummaan Abbaa irree   Uummataa Orromoo mirga isaaf karaa nagaa falmatuu irraan ga’aa jiruu gabaasaa jiraachuu fi Addunyaan gurraa ishee gara Oromiyaatti qabdee jiraachuun dhugaa yeroo kanati.

 Kanaafuu yeroo Ammaa kanatti Uummatni Oromoo Mootummaa mataa isaa hundeeffachuuf ykn ammoo Mootummaan Ce’umsaa akka hundeeffamee mirgi hiree murteeffatnaa akka dhogoomuuf gaafachuun  Sochii isaa sadarkaa Idil Addunyaatti dhageessifatee jiru guutummaatti kabajamuu mirga namummaa, mirgoota dimookiraasiin qabuu fi Mirga Abbaa biyyummaa isaa eegsifachuuf Qabsoo wal irraa hin citnee gochaa waan jiruuf, Mootummaan Abbaa Irree yakka duguuginsa sanyii rawwachaa jiruu irraa duubatti deebi’ee kan hin jirree ta’uun yeroo irraa gara yerootti sagalee dhukaasaa meeshaalee gurguddaa dhagesisuun Oromiyaa keessattim yakki waraanaa rawwatamaa waan jiruuf bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa Waldorgommii Ispoortii Dhaabbilee Barnoota olaanoo Yuunibarsiitotaa gaggeessuuf jiruu keessa deebi’ee akka ilaaluu fi akka dhaabu gaafatana.

Bulchiisi Yuuniverstii Jimmaa haala kana didee itti fufee loltooti Wayyaanee fi Mootummaan EPRDF gaa’ama barattoota irraan gahuuf deemaniif adda durummaan kan itti gaafatamu bulchiisa moorichaa fi ta’uu gadi jabeessinee beeksifna.

                         Injifannoon Uummata Oromoof!

                        Gadaan gadaa Bilisummaati!

                        Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!

MUST-LISTEN | አብዲ ኑሬሳ: “ኦሮሞነት ~ አንድነት፣ ነፃነት” [#OromoProtests Music in Amharic] #EthiopiaCrisis

Aside

Godina Lixa shaggar Aanaa Amboo Ganda waddeessatti Uummatni Daandii Cufuu fi Kutuun Loltoota Wayyaanee Kora Bittinneessaa fi Agaazii Daandii Cite Keessa Bu’uun Miidhami Guddaa Irran Geessisan

Aside

Amajjii 24, 2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Amboo Ganda waddeessaa keessattii FXG Uummatan qabsiifame daran jabaachuun Uummatni Waraana Wayyaanee Uummata Baadiyaa gooluuf bobbaafame daandii itti  cufuun karaa darbaa dhorkachuun daandii konkolaataa Baadiyaa amboo irraa gara Waddeessaatti geessuu kutuun Konkolaataan Wayyaanee uummata dararuudhaaf fiigaa jirtuu  daandii  cite keessaa buutee garagaluun loltootni Wayyaanee hedduun kan madaa’anii fi loltootni muraasni lubbuun galafaatamuun ibsame jira, Loltootni Wayyaanee hedduun madaa’aan yeroof Hopsitaalaa Amboo kan galan yoo ta’uu, kanneen lubbuun galaafataman atattamaan Wayyaaneen gara Finfinneetti fe’achuun gabaafamee jira. Yeroo amma kanatti mootummaan Wayyaanee nannicha irraa humna ibsaa fi network balleessee jiraachuun ifa ta’ee jira.

Godina Salaallee Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufe, Mootummaan garboomsaa Dhiphina Ulfaataa Seenee jira.

Aside

Amajjii 24/2016 Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaaleetti) Warraaqsii FXG daran jabaachuun Itti fufe , Uummatni Aanoota  Hidhabuu Abootee,  Dagam, Sulultaa, Mukaa Xurii , Diddaan uummataa jabaachuun itti Fufuun Qeerroon Dargaggootn Salaalee  gamtaan wallee Warraaqsaa fi dhaadannoo dHageesisuun ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun kanaan booda Oromiyaa TPLF/EPRDF FI OPDO ergamtuun wayyaanee hin bulchitu Ofiin of bulchina jechuun murtii dabarfatan. Uummatnis Walii galee kanfaltii gibraa fi buusiiwwaan galii mootummaa abbaa irree wayyaanee bifa kamin iyyuu akka hin kanfallee murtii dabarfachuun , warraaqsaa jabeessuun itti fufuu madden keenya gabaasaan,  Akkasumas Dandiiwwaan bakkoota hedduutti uummataan Cufamee loltootni wayyaanee banuuf rakkachaa jiraachuu fi haalaa nuffisiisaa sochii uummataa karaa nagaa gaggeeffamuu irratti mootummaan wayyaanee waraana ajajuun adeemsii kun kan wal hin madaallee waan ta’eef uummataa harkaa meeshaa tokko iyyuu hin qabnee  irraatti dhukaasuun nu nuffisiisee jechuun loltootni wayyaanee psychologically dhiphinaa fi Of jibbaa jiraachuu ibsatan.

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Aanaawwaan Amboo Jiran Keessatti Xumura Mootummaa Wayyaaneetti Gochuuf Jecha Diddaan Ummataa Haalaan Jabaachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Amajjii 24,2016  Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi aanaawwaan Amboo jiranitti Warraaqsii FXG haalaan jabeessuun Uummatni fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Waraanaa nurratti labsee lafarraa nu fixaa jiruu jalatti hin bullu, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffanneef deebiin nuuf haa kennamu, Mirgi namummaa fi Dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsii Magaalaa finfinnee Master Pilaanii Finfinnee Labsiin haquu qaba, Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO Waraana nurratti Labsee Labsii nurraa kaasuu qaba yoo kaasuu baatees Wareegama Qaalii baasuun of irraa kaasuuf qophiidha jechuun murtii dhumaa dabarfachuu ibsatanii Warraaqsii itti fufe jira. Qabxiilee armaan gadii kunis yeroo amma kanatti bakka hundatti utuu wal irraa hin citiin kan fudhatamuu qabanii fi fudhataam jiran ta’uu ibsan.

1.       Qonaan Bultootni, daldaltootnii fi qaamni hawaasa marti kanfaltii gibiraa  mootummaa  saamichaa irratto bobbaa jiruu  fi yakkama kanatti akka hin kaffallee ibsatan.

2.       Walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan abbaa irree waraanaan bulaa jiru kun godhuu akka hin hirmannee murtii fudhatan.

3.       Mootummaan Wayyaanee atattamaan aangoo gadhiisee yakka ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti rawwateef akka itti  nuuf gaafatamu ,

4.       Ilmaan Oromoo wareegamaniif itti gaafatamuu qaba, gumaas kanfaluu qaba,

5.       Daandiin Konkolaataa kan Waraannii wayyaanee irraa fiiguun qe’ee keenyaatti nu dararaa jiruu daraan jabeessuun cufuun falmaa hadhaawaa jabeessuuf murtii fudhanne jirra.

6.       Hidhamtootni siyaasaa Oromoo hundii ataattamaan akka hiikaman.

7.       Mootummaan Cee’umsaa yeroon akka hundeeffamuu fi Mirgootni namummaa fi dimookiraasii hanga nuuf kabajamuutti falmachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun uummatni Oromoo Aanaa Amboo fi nannaawaa Magaalaa Ambootti argamaan Murtii ulfaataa fi ijibbachisaa fudhachuutti akka seenaan labsataniru.

Haaluma kanaan Aanaa Amboo gandootaa baadiyyaa fi magaalaa keessatti Uummatni kanfaltii gibiraa guutummaan guutuutti dhaabuun, mootummaa Wayyaanee humnaan dirqamsiisuu barbaaduu dura dhaabbachuun falmaa isaa itti fufee jira, dabbaalloota gandaa ergama wayyaanee sodaatanii galmaan ga’uuf fiigan illee uummatni akeekkachiisuun bakkeewwaan muraasatti immoo wajjiraalee gandaa irratti diiguun uummatni tarkaanfii kamiif iyyuu qophaa’aa ta’uu argisiisee jira. Haaluma kanaan Aanaa Amboo Gandoota akka Waddeessaa bakka ilmaan Oromoo bara baraan Wayyaaneedhaan Wareegamtu, Haroo Xiroo, Galaan, Xullee ,fi Cittuu  keessatti Uummatni guutummaati Sirna Abbaa irree jalatti hin bulluu jechuun murtii olitti dabarfatan hojiirra olfachuu isaanii mirkaneessuun yeroo amma ofiin wal bulchaa jiraachuu fi wareegama loltoota wayyaaneen issaan irratti fudhatamaa jiruu, Amajjii 20/2016 irraa eegaluun bifa adda ta’een jala dhaabbachaa jiru.

Godina Shaggar Lixaa Ona Waddeessaa Keessatti Walitti Bu’iinis Qonnaan Bultootaa fi Waraana Wayyaanee Jidduu Jabaachaa Jira.

Aside

Amajjii 24/2015
Gabaasa Shaggar Lixaa ona Waddeessaa irraa nu qaqqabeen guyyaa sadiif jechuun torban kana keessa dhukaasni uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti taasifameen humna waraana Wayyaanee keessaa namni 4 kan du’a yoo tahu hedduun madeeffamuun kan gabaafame yoommu tahu qonnaan bulaa keessaa namni 2 du’uunis Qeerroon gabaasee jira.
Har’a odeessi Qeerroo garasii nu qaqqabeen dargaggooni ona kana gadhiisanii jiru, akkasuma qonnaan bultootni tokko tokkos naannicha
gadhiisuun naannoo biraatti godaanananii jiru jedhu kunis waraana Wayyaane humni guddaan gara sanatti guuramaa waan jiruuf haalli jiru
jabaata tahuu irraan dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisaa akka jiran gabaafamee jira.
Haaluma kanan barattootni yuuniversitii 14 maqaan isaani maxxanfamee jiru waraana Wayyaaneen kanneen barbaadamaa jiraniidha. Maqaa
barattoota lukkuulee diinaan barbaadamaa jiranii gabaasa keenya eengaddaa irratti ifa ta’ee jira.

Jiraattooti Naannoo Harmaayaa Mudde 15,2015 FDG Bahaniin Qofa Hedduun Hidhaa Galanii Hanga Ammaatti Darararaan Guddaa Irraan Gahamaa Jiraachuu Qeerroon Beeksise.

Aside

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Amajjii 24,2016 ,Hiiriira FDG Mudde 15,2015  magaalaa Haramaayaattii gaggeeyfame irrratti hirmaattan ja’amanii qabamuun hanga har’aatti murtii takkaan maletti buufata poolisii magaalaa Haramaayaa fi mana hidhaa Addeellee keessatti dararamaa jiran keessaa muraasaa fi haalaan kanneen miidhaman hammi tokko:-

  1. Booranaa Yuusuf
  2. Malkaa Sheekhaa
  3. Iskender Duurrii
  4. Magarsaa Abdii
  5. Joonii Mahammed
  6. Laziiztuu Mahammed
  7. Nuuruu Mahammed
  8. Kadiiree Aliyyii
  9. Illuu Yaassiin
  10. Iskoorlee Yuusufii
  11. Abaasee Saalih
  12. Abaasee Mahammed
  13. Zakkii Muummee
  14. Caalaa Baker
  15. Iskender Uttoo
  16. Faamii Yoonis
  17. Obsaa Mahdii
  18. Ramadaan Abdullaahi
  19. Magarsaa Qondo haadha manaa isaa, jaartii obboleessa isaa waliin
  20. Abraahim Bakaroo, haadha mana isaa, ilma isaa,Intala isaa
  21. Nuuraddiin
  22. Mahbuub Xahaa
  23. Nasraa nama jedhamtuu

fii kanneen maqaan hin beekkaminiis hedduudha hidhaa keesatti rakkachaa jira.

FXG Wallagga Yuunibarsiitii Keessatti Bifa Haaraan Egale

Aside

Amajji 24,2016
Wallaggaa UniDararuuf giddirsuun dhaloota qubee akka mirgaaf hin falmanne gochuu hin danda’u.kanas kan dhageenyurra kan arginu nii mirkaneessa
Sa’atiin ammaa kanatti FXG WU keessaa banbanaa jira Dhukaasa gurguddaan dhaga’amaa jira.kunoo sa’atiuma kanayyu dhukaasa
dhuka’a jiru dhaga’an jira. Haaluma kanaan bor manneen barnoota fi Kollejjiwwan dhuunfaa magaalaa Naqamtee akka itti fufan irbuu walii galanii turan bifa milkaa’ina qabuun akka itti fufan dubbatamaa jira

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Sagantaa Amajjii 23, 2016

Aside

Amajjii 23,2016 Amboo Naannoo Waddeessa Jedhamutti Waraana Wayyaanee fi Uummata Jidduutti Falmaa Ta’een Dargaggoonni Oromoo 5 Wareegamanii ummanni 60 Ol Ammoo Loltoota Hedduun Qamanii Mana Hidhaa Amboo 03 Keessatti Dararamaa Jiru.

Aside

Amajjii 24,2016 Waddeessa(Amboo) irraa  Falmiin wiirtuu Waddeessaatti Mootummaa abbaa irree fi uummata haqa isaaf falmatu gidduutti geggeeffamaa jiru irratti dargaggooti  Oromoo armaan hedduu madoo fi Wareegama kafalaniiru.

  1.  Dargaggoo Biraanuu Gaaddisaa gaafa 23/1/2016 Ganda kaarraa naannoo guuniyaa ykn Faafama jedhamutti raasaan rukutamee wareegameera.
  2. Barataa Chuuchee Baqqaanaa Bayyansaa ganda Galan waddeessaa naannoo caffee Elemee jedhamutti rasaasaan rukutame kellaa fayyatti wal’ansa amma tokko argeetuyyuu gara hospitaala Amboo akka hin deemne karaatti duwwameera (bakka dhalootaa g Ganda Dikii)
  3. Barataa Hundeessaa Leellisaa Sirrii bakkuma Chuucheen rukutamatti rasaasaan kan rukutame yoo ta’u ( bakka dhaloo. Aanaa Amboo ganda ganjiifi gooroo horee) innilleen karaa hospitalaa deemuu dhabee rakkataa jira.
  4. Barataa Abarraa Sisaayee Hayilee bakkuma armaan olitti ibsametti rasaasaan kan rukutame yommuu ta’u (bakka dhalootaa Ganda Galan waddeessaa)
  5. Dargaggoo ammaaf maqaansaa nun qaqqabne akka malee miidhaa karaa Aanaa bakkee mana yaalaa qaqqabsiisuudhaaf gateetti uummataan baatamee deemee jira!

Kana malees namoonni 60 ol ta’anis qabamanii waajira poolisii Aanaa Amboo kan magaalaa Amboo ganda 03 tti dararamaa jiru kan sababa reebichaatiin miidhaan cimaan irra gahes wal’ansa dhabanii haala yaaddeessa keessa jirachuu Qeerroon gabaase.