Amajjii 24/2016 Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaaleetti) Warraaqsii FXG daran jabaachuun Itti fufe , Uummatni Aanoota Hidhabuu Abootee, Dagam, Sulultaa, Mukaa Xurii , Diddaan uummataa jabaachuun itti Fufuun Qeerroon Dargaggootn Salaalee gamtaan wallee Warraaqsaa fi dhaadannoo dHageesisuun ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun kanaan booda Oromiyaa TPLF/EPRDF FI OPDO ergamtuun wayyaanee hin bulchitu Ofiin of bulchina jechuun murtii dabarfatan. Uummatnis Walii galee kanfaltii gibraa fi buusiiwwaan galii mootummaa abbaa irree wayyaanee bifa kamin iyyuu akka hin kanfallee murtii dabarfachuun , warraaqsaa jabeessuun itti fufuu madden keenya gabaasaan, Akkasumas Dandiiwwaan bakkoota hedduutti uummataan Cufamee loltootni wayyaanee banuuf rakkachaa jiraachuu fi haalaa nuffisiisaa sochii uummataa karaa nagaa gaggeeffamuu irratti mootummaan wayyaanee waraana ajajuun adeemsii kun kan wal hin madaallee waan ta’eef uummataa harkaa meeshaa tokko iyyuu hin qabnee irraatti dhukaasuun nu nuffisiisee jechuun loltootni wayyaanee psychologically dhiphinaa fi Of jibbaa jiraachuu ibsatan.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist