Amajjii 23,2016 Amboo Naannoo Waddeessa Jedhamutti Waraana Wayyaanee fi Uummata Jidduutti Falmaa Ta’een Dargaggoonni Oromoo 5 Wareegamanii ummanni 60 Ol Ammoo Loltoota Hedduun Qamanii Mana Hidhaa Amboo 03 Keessatti Dararamaa Jiru.

Amajjii 24,2016 Waddeessa(Amboo) irraa  Falmiin wiirtuu Waddeessaatti Mootummaa abbaa irree fi uummata haqa isaaf falmatu gidduutti geggeeffamaa jiru irratti dargaggooti  Oromoo armaan hedduu madoo fi Wareegama kafalaniiru.

  1.  Dargaggoo Biraanuu Gaaddisaa gaafa 23/1/2016 Ganda kaarraa naannoo guuniyaa ykn Faafama jedhamutti raasaan rukutamee wareegameera.
  2. Barataa Chuuchee Baqqaanaa Bayyansaa ganda Galan waddeessaa naannoo caffee Elemee jedhamutti rasaasaan rukutame kellaa fayyatti wal’ansa amma tokko argeetuyyuu gara hospitaala Amboo akka hin deemne karaatti duwwameera (bakka dhalootaa g Ganda Dikii)
  3. Barataa Hundeessaa Leellisaa Sirrii bakkuma Chuucheen rukutamatti rasaasaan kan rukutame yoo ta’u ( bakka dhaloo. Aanaa Amboo ganda ganjiifi gooroo horee) innilleen karaa hospitalaa deemuu dhabee rakkataa jira.
  4. Barataa Abarraa Sisaayee Hayilee bakkuma armaan olitti ibsametti rasaasaan kan rukutame yommuu ta’u (bakka dhalootaa Ganda Galan waddeessaa)
  5. Dargaggoo ammaaf maqaansaa nun qaqqabne akka malee miidhaa karaa Aanaa bakkee mana yaalaa qaqqabsiisuudhaaf gateetti uummataan baatamee deemee jira!

Kana malees namoonni 60 ol ta’anis qabamanii waajira poolisii Aanaa Amboo kan magaalaa Amboo ganda 03 tti dararamaa jiru kan sababa reebichaatiin miidhaan cimaan irra gahes wal’ansa dhabanii haala yaaddeessa keessa jirachuu Qeerroon gabaase.

 

2 thoughts on “Amajjii 23,2016 Amboo Naannoo Waddeessa Jedhamutti Waraana Wayyaanee fi Uummata Jidduutti Falmaa Ta’een Dargaggoonni Oromoo 5 Wareegamanii ummanni 60 Ol Ammoo Loltoota Hedduun Qamanii Mana Hidhaa Amboo 03 Keessatti Dararamaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s