Dhaamsa addaa Amajjiin tokko, Saba Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaaf qabu.

Aside

Leelloo Sabaatiin

Barreessaa dhugaa baasa!Oromiyaa fi firoottan isii biratti, Amajjiin tokko, guyyaa gammachuu dacha ti. Guyyaan kun, guyyaa ganna dullacha keessaa gara ganna ykn waggaa haarayaatti itti tarkaanfatan qofa osoo hin taane, guyyaa Waraana Bilisummaa Orommoo (WBO) ti. Amajjiin tokko, guyyaa WBO akka ta’u hoogganni   ABO (Addi Bilisummaa Oromoo) murteessee kabajamuun kan eegale  bara 1980 irratti.

Barooti 1980 dura turan, baroota itti WBO’n haala akkaan rakkisaa fi wal-xaxaa keessa seenee of jiraachiisuuf qormaatni hamaan itti isa mudate ture. Barooti kun, bara WBO’n duubaan waraana weerartuu Ziyaad Baareetiin; fuulduraan ammo, waraana weerartuu Ixoophiyaa Dargiin hoogganamuun marfama keessa seene oggaa ta’u, keessaan ammo, bara itti foxxooqiinsi fi jeeqamsi keessaa  itti isa mudate ture. Humni WBO oggus qacalee haa turu malee, taankiii fi xiyyaaraan duubaa fi duraan duula Dargii fii Ziyaad Baarreen irratti banamee  fi foxxoqiinsa keessaan isa mudate hunda injifatnoon irra aanee jireenya isaa waan mirkaneesseef Amajjiin tokko, barri 1980, guyyaa WBO ta’ee labsamee guyyaa san irraa eegalee waggaa waggaan kan kabajamuu dha.

Marfama duraa fi duubaan isa mudate, akkasumas, foxxoqiinsa keessaa hunda cicciree dhabama irraa of oolchuun injifatnoon waggaa haaraa Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO’f meeshaa guddaa ta’an keessaa: jaalala ABO fi Oromiyaa,jaalala hooggana ABO, of keniinsa, cichoomina ykn amanamummaa kaayyoo, sabaa fi of irratti abdachuu, obsa, muratnoo,naamusa, tokkummaa, gootummaa fi wareegama baasuuf fedha qabaachuu dha. Qacalummaa isaatti WBO bal’eessuuf kan diinni duraa fi duubaan, akkasumas, keessaan irratti karoorfate hunda irra aanee jireenya isaa fi kaayyoo walabummaa Oromiyaa tiksuun Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO gargaaran, amaloota warraaqsaa akka sibiilaa jabaatu fi haallen kamuu keessatti hin raafamne kana qabaachuu isaa ti. Waan kana ta’eef, Amajjiin tokko, amaloota kanneen akka: jaalala Oromiyaa, Oromiyaaf wareegama baasuu, ummata ofii fi kaaayoo isaaf amanamummaa qabaachuu, muratnoo, of keniinsa, gootummaa, hooggana ofii jala deemuu fi rakkoo keessatti obsa qabaachuun  rakkoo kamuu keessa nama baasuu kan  danda’u ta’uu guyyaa itti :kabajnu, wal yaadachiifnu fi amaloota kana hin qabnu yoo ta’e horatuuf itti murtii fudhanuu dha.Dhaamsa addaa Amajjiin tokko

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 11 January 2016

Aside

Amajjii 11,2016 Yuniverstiilee Haromaayaa fi Jimmaa Keessatti Wareegamii fi Madoo Warraaqsaa Ta’uun Barattooti Oromoo Arsaa Guddaa Saba Isaaniif Kafalaa Jiru.

Aside

Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Keessatti FXG Itti Fufee Waan Jiruuf Barsisotiin Oromoo Waraana Wayyaaneen Adamfamaa Jiru, Manneen Ummataas Caccabuun Loltootaan Saamame.

Aside

Amajjii 11,2016 Horroo Gudruu magaalaa Haratoo keessatti FXG haalaan hammaatee itti jiruun wal qabatee manneen barnootaa cufamuu irra darbee barsiisoti Oromoota ta’an isintu diddaa uummataa qindeessa jedhamanii waraanaa fi poolisoota Wayyaaneen adamfamaa jiru, isaan keessaa gariin kan sirna mootummichaa jalaa miliqanii jiranii fi kanneen barbaadaman.

1. Taajuddiin Hashiim (English teacher) preparatory school
2. Abdannaa Alamaayyoo (physics teacher) kutaa 10 ffa irraa
3. Baddiluu (civics teacher) preparatory school,
4. Abbayyaa Hammagahuu (history teacher) kutaa 8ffaa irraa.
Karaa biraa manneen jiraattota magaalaa Haratoo Agaazii fi Poolisii dhaan caccabeera. Caccabsanii eega seenaniis gaaffii tokko malee reebamaniiru.
Amajjii 6,2016 ammoo Godina Horroo Guduruutti barattootni mana barumsaa Waldoo ( elementary school) mormii dhageessisuun barumsa kan dhaaban haga har’aattis hinbaranne. Achuma Horroo Guduruu Aanaa Dongorotti dubartoota gabaa dhaqanii fi galan waraqaa eenyummaa fidaa jechuun rakkisan hidhaatti illee naqan jedhama.

Gootonni Oromoo Baha Oromiyaa FXGItti Fufan, Wayyaaneen Humnaa Ol Itti Tahee Waraana Isaa Dabalataa Gara Sanatti Guuraa Jira.

Aside

Har’a Amajjii 11,2016
Baha Oromiyatti FXG haalan jabaate itti fufeera. Deemsi FXG deemaa jiru kun cehumsa gara Bilisummaa tahuun shakkii kan hin qabnedha. FXG har’aa kana dura dhaabbatuuf mootummaan wayyaanee meeshalee gurguddaadhan waraana isaa sochoosee garagodinaalee garagaraa kannen akka Harargeetti bobbaasee jira Kaabineewwan gadndoota keeysatti uummata gooluuf bobbaasee jira.
-Milishaa fi poolisin naannoo magaalota keeysa socho’aa jiran yoo tahu bakka dhoksaa dhoksaatti uumatan haleelamaa jiru. Wayyanen FXG kana dura dhaabbatuuf sochii waraanaa daran jabeese jira. Gocha gara jabdummaas raawwataa jira. Hanga ammaatti yuuniversiti Haromayyaatti barataan 5 ol du’uun gabaafameera.
Harargee keeysatti FXG har’a kun daa’imallee kan hin qoodne mancaa fi dulaadhaan ka’ee waraana dura dhaabbatee jira.
Yuuniversitile biroo kanneen akka Jimmaa keeysatti barattota midhuuf waanni diinaan hin godhamin hin jiru. sadarkaa Boombiin barattoota irratti
darbatamuu gahee jira. Hidhaanis akkuma amala mootumama wayyaanee irraa ibsu kanatti uummata oromoo irratti jabaatee jira. Fincilli eegale
bilisummaadhaan deebi’a.

Barattooti Hedduu fi Barsiisotiin Lama Yuuniverstii Haromayaa Irraa Hidhaman.

Aside

Amajjii 11,216 ,Eda halkan irraa eegalee mooraa Yuuniverstii Haromayaa fi naannoo sanatti dhukaasi hedduu barattoota irratti banamuun mooraan Yuuniversitii lola guddaan kan weerarame fakkaata, barattooti hedduun sababaa kanaan reebamanii kaan qabamuun hidhaatti guuramaa jiru,doormiin keessa galan caccabee barattoota irraa qabeenya hedduutu loltoota Wayyaaneen samamee jira.

Haalli kun hammaatee barattoota hedduu fi barsiisotiin lama qabamanii hidhaatti geeffamanii jiu. Barsiisotiin haala kanaan qabaman keessaa.

  1. Barsiisaa  Ararsa Abera Deksisa, Barsiisaa Economics
  2. Barsiisaa Tariku Workineh Daksa, barsiisa Food Technology and processing.

Kanneen jedhamani dha.

Godina Harage Qobboo Keessatti “Joolleen Keenya Hidhaa Nuu Haa Baatu” Jedhchuun Gaaffii Mirgaa Gaafachaa Hiriira Bahan.

Aside

Amajjii 11,2016 Gaaffiin Mirga Abbaa Biyyummaa Hararge Haromaayaa Keessatti Har’as Itti Fufe.

Aside

Godina Harargee Aanaa Ciroo Ganda Waaccuu Gille Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Har’as Amajjii 11,2016 Itti Fufe

Aside

Poolisoonni Federaalaa Wayyaanee Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessatti Walgahii Kaabinoota OPDOf Taasisan Irraatti Hunda Irraa Bilbila Harkaa Funaanuun Beekame.

Aside

Waajjira Bulchiinsa Jaarsoo Amajjii 11, 2016

Waajjira Bulchiinsa Jaarsoo Amajjii 11, 2016

Amajjii 11,2016 Godina Wallagga Lixaa anaa Jaarsoottii qondaaltonnii OPDO wal shakkii cimaa keessaa seenuun walgahii  galgalaa taa’uun kaabinoonni hundi bilbila harkaa isaanii harkaa sassaabamuun walgahicha akka seenan taasifame. Walgahicha kan gaggeessuu poolisoota Federaalaa naannoo biroo irraa dhufan yeroo ta’u kaabinoonni OPDO walgahicha seenan hundi bilbila harkaa isaanii harkaa fuudhamee akkasumas sakatta’amee ta’uun beekamee jira.

Walaghiin kun kan ta’aa jiru Aanaa Jaarsoo magaalaa Jaarsoo waajira bulchiinsaa keessatti.