Har’a Amajjii 11,2016
Baha Oromiyatti FXG haalan jabaate itti fufeera. Deemsi FXG deemaa jiru kun cehumsa gara Bilisummaa tahuun shakkii kan hin qabnedha. FXG har’aa kana dura dhaabbatuuf mootummaan wayyaanee meeshalee gurguddaadhan waraana isaa sochoosee garagodinaalee garagaraa kannen akka Harargeetti bobbaasee jira Kaabineewwan gadndoota keeysatti uummata gooluuf bobbaasee jira.
-Milishaa fi poolisin naannoo magaalota keeysa socho’aa jiran yoo tahu bakka dhoksaa dhoksaatti uumatan haleelamaa jiru. Wayyanen FXG kana dura dhaabbatuuf sochii waraanaa daran jabeese jira. Gocha gara jabdummaas raawwataa jira. Hanga ammaatti yuuniversiti Haromayyaatti barataan 5 ol du’uun gabaafameera.
Harargee keeysatti FXG har’a kun daa’imallee kan hin qoodne mancaa fi dulaadhaan ka’ee waraana dura dhaabbatee jira.
Yuuniversitile biroo kanneen akka Jimmaa keeysatti barattota midhuuf waanni diinaan hin godhamin hin jiru. sadarkaa Boombiin barattoota irratti
darbatamuu gahee jira. Hidhaanis akkuma amala mootumama wayyaanee irraa ibsu kanatti uummata oromoo irratti jabaatee jira. Fincilli eegale
bilisummaadhaan deebi’a.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist