Amajjii 16,1,2016
FXG kan godinota Oromiyaatti qabsiifamee jiruun,tibba kana TPLF fi
OPDOn raafama guddaa keessa seenurra darbani waan dubbatanille harka waldhahaa jiraachuusaa ibsa isaani giddu kanatu dhugomsa Warraqsa Baha Wallaggatti ka’e jiru dhaamsuuf hoggantoonni godinichaa Kalessa gara Waamaa Hagalootti kan bobba’an ta’ulle daran FXG akka finiinuuf karaa saaqe waan hin yaadin kan isan mudate gaaffiin uummata naasise gaaffilen kunnin
1,barataa keenyaaf dargagota keenyatti bu’urra dura nu ajjeesaa
2,master plan dhabneerra jettanii wawwaatanis gaaffiin uummata Oromoo kan hundee achuma jira waan ta’eef nuti mootummaa keenya dhaabbachuu barbaadna ABOn nu haa bulchu.
3,erga gaaffiin barataa sirri ta’ee maa ajjeefatu,maa hiitu maa shorokeesitoota jettu?akka keessan qe’e nama deemee enyuun ajjeese
isinu jirtu kan nu jalatti ol adeemaaf qaro qabeeyyi dagugdan jechunwal-ga’icha diigan
Monthly Archives: January 2016
ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ )January 16, 2016
Aside
HUMNI, XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE, BILISUMMAA HIN GOONFATU !!!!!
Aside
SEENAA Y.G(2005) kutaa 1ffaa
Waaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii , sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.
SBO AMAJJII 17,2016. Oduu, Ibsa ABO fi Qeerroo Bilisummaa, Haala yeroo irratti gaaffii fi deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal.Dachaas Roobaa waliin, akkasumas Gabaasa FXG
Aside
Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Gocha Suukkanneessaa Raawwataa Jiru Irratti Dabalee Har’a Dhukkaamsuu Eegale.
Aside
Amajji 16,2016)
Barattoota Jimmaa Yunibarsiitirraa Ukkanfamani bakki buuteensaanii dhabame kan maqaan nu ga’e kana gaditti katabneerra
1,Kennaa Daammana (Seera Waggaa 5ffarraa)
2,Abdiisaa Bantii (Nurs Waggaa 2ffaarra)
3,Abram (Nurs Waggaa 2ffaarraa)
4,Bultuu Fiqaaduu (Foklarii waggaa 3ffaarraa) kanneen hafan hedduun kan jiranidha barattoota kana dhabusaanii malee essa akka ga’an hiriyoonnisaan hanga har’a beekanii hin jiran
Baha Wallaggaa Sibu Siree naanno Gabaa Sanbataatti Amajjii 15,2016 FXG Gaggeefame.
Aside
Amajjii 16,2016)
Baha Wallaggaa Sibu Siree naanno Gabaa Sanbataatti Kaleessa FXG gaggefameen ummanni Oromoo biyya keenya barbaadna,mootummaan Wayyaanee nurraa haa ka’u jechuun dheekkamsuu fi dhadatnoon hiriira bahe.
Kana malees jala deemtota Wayyaanee kanneen ta’an milishoota naannichaa uummata gidirsaa jiran irratti uummanni barnoota sirreessaa kenneefii akka jiru Qeerroon gabaasa
Amajjii 15,2016 Hiriira FXG Barattooti Qophaa’inaa Naqamtee.
Aside
Barattooti Qophaa’ina Biiftuu,Dargee Qophaa’ina NaqamteeHiriira FXG Bahaniin “Abbaan Biyyaa Oromoo” Dha Jechuun Gootummaan Waraana Wayyaanee Dura Dhaabbachaa Oolan.
Aside
Amajjii 15,2016 Guyyaa har’aa Barattooti qophaa’ina Naqamtee fi Mana barumsaa Daargee hiriira FXG bahuun gootummaan Waraana Wayyaanee dura dhaabbachaa oolan.
Barattooti kun dhadatnoo dhageessisaa turan Oromoon abbaa biyyaa dha,walabummaa keenya barbaadna. Oromiyaan biyya Oromooti. Mootummaa keenya tolfachuu barbaadna kan jedhuun dhadhatnoo dhageessisaa turan.
Haala kanaan barattooti mana barumsaa Daargee irraa baratooti kanneen kun hidhamuu dhagahama.
- Faana Amalawarq Bulii
- Leencoo Abdiisaa
- Simee Tafarraa
- Tafarii Dhangi’aa
- Biqilaa Baandaa
Goota Saba Isaa Oromoof Jecha Lubbuu Aarsaa Godhe, Geeggeessaa Jaal Abdataa Abdataa Olaansaaaf/Walaloo
Aside
Gaaffii abbaa biyyummaa, kan jaarraa oliif ture,
Baroota hedduuf ka’ee, deebii homaatu dhabe,
Hedduun itti dhumee, hedduun itti hidhame,
Harki itti ciramee, harmi irraa murame,
Akka harree fi gaangoo takaallaan oofamee,
Faanni ilaalamee, ilkeen lakkaawamee,
Mootummaa Ixoophiyaan, gabaatti baafamee, hedduun gurgurame(2)
Hiraarri kun hunduu, waan jiruuf har’a illee,
“Kun dhaabbatuu qaba !”, jedhee eerga murteessee,
Abdataa Olaansaa falmaa kan eegale(2)
Falmaan isaa kun, falmaa dhugaa ta’ee,
Hundumaa hiriirsee diina dura dhaabee,
Onnee abbootii isaatii dhalmayaan fudhate,
Kan sodaa hin beekne, homaa irraa deebine,
Haga funyaaniitti, diina qawwee hidhate,
Bakka lixxu dhowwee, kokkee isii qabee,
Diina wat-waachise, sodaa itti naqe. (2)
Maqalee fi Finfinneetti teessumma godhattee,
Ilmaa tigrootaa shira irratti xaxxee,
Gaaffii ummata Oromoo kan dhaabdu itti fakkaatee,
Wabii fi abdii borii, Oromiyaaf egeree,
Abdataa Olaansaa qacaleetti kutte(2)
Du’a isaa dhagahee, rifatuun holladhee,
Aariidhaan waadamee, garaan na gubatee,
Inimmaan ija irraa jigee gadi na yaa’ee,
“Gootaaf hin boowani haaloo bahuuf malee,”
Geggeessaa Abdataa Olaansaaf
Amajjii 15/2016 Miseensoti OPDO Taanii Sirnicha Keessa jira n Keessaa Godina Lix a Shaggar Aanaa Mida a Qanyiitti Hogganaa Wajjira Dargaggoota a fi Ispoortii kan t ure Kabbadaa Qoroo C amadaa FXG Waliin Ji rta Sababaa Jedhuun Hidhame.
Aside
Amajjii 15/2016 Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Ilmaan Oromoo Miseensota OPDO taanii sirnicha Keessa jiran Illee Oromummaan Yakkee Hojjettoota Hedduu Hidhaatti Guuruu Eegalee jira, Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Hogganaa Wajjira Dargaggootaa fi Ispoortii kan ture Kabbadaa Qoroo Camadaa Oromummaan Yakkamee Mormii gaggeffamaa jiru keessatti qooda qabda jedhamuun Humna Waraana Agaaziin Ukkaanfamee Mana Hidhaa Maaikalaawwiitti darbamee jiraachuun ifa taee jira.
Dargaggoo Kabbadaa Qoroo Camadaa Bara 2005/1997 Fulduraa yeroo garaagaratti Oromummaan Hidhamee dararama kan turee fi Bara 2005 Humnootaa Tikaan qabamee Maaikalaawwiitti hidhamuun dararama guddaa keessa kan turee fi Bara 2009 Kan Gadhiifamee fi Miseensa OPDO Yoo taate malee hin jiraattu jedhamuun Miseensa OPDO baruma kana tauun Wajjira Milishaa Aanaa Midaa qanyii irratti Ramaduun akka yakka raawwatuuf dargaggoota Oromoo Aanaa Midaa Qanyii waliin walitti buusuuf shira guddaan irratti dalagamuun ni yaadatama. Boodarraa dargaggoota biratti fudhatama qabaachaa gaafa inni dhufuu, Shakkii guddaa keessa galuun waajjira Milishaa irraa kaasuun Wajjira dargaggoof Isport irratti ramadamuun utuu hojjechaa jiruu, Sochii Warraaqsaa FDGfi Mormii Master Pilaanii Finfinnee keessatti qooda qabda jedhamuu Humnoota agaaziin Ukkaanfamee kan mana hidhaatti darbamee jiru tauun saaxilame, kana Malees Kaabinootni Aanaa Midaa Qaanyii, Calliyaa, Aamboo, GINcii, Jalduu, Xuuqur Incinnii, Gindabarat, Adaaaa Bargaa, Meetaa Roobii, Mogorii fi Dandii hundii rakkoo ilaalchaa qabduu, Fincila mootummaa irratti gaggeeffamu keessa harka qabdu jedhamuun hidhamuuf Doorsifamaa jiraachuun ibsame jira!!


