Ammajjii 27/2014 Warraaqsii FXG Godina Dhihaa Oromiyaa Magaalaa Guddoo Naqamtee Keessatti Haalaan Jabachuun Itti Guyyaa Har’aa
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Rifti Valley damee Naqamtee fi M/B Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa Comprehensive Naqamtee Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa kan xummura gabrummaa gaggeessa jiru.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo magaalaa Naqamtee waraanaan dursifamaa, ajjeefamaa fi hidhamaa sirna abbaa irree gabromsaa jalatti hin bulluu jechuun ji’a sadii guutuu utuu wal irraa hin citiin Magaalaa Naqamtee keessatti Warraaqsii Jabaachuun mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkaa jiraachuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Naqamtee irraa gabaasaa jiruu, yeroo ammaa kanatti Magaalaan Naqamtee sochii warraaqsaa fi humna waraanaan raafama ulfaata keessa jiraachuun ibsame jiru, Goototni Barattootni Oromoo M/b Biiftuu Naqamtees gara Sochii Warraaqsaa kanaatti makamuuf akka jiran odeessi nu ga’ee ibsee jira