Ayyaanni Cuuphaa Magaala Finfinnee Keessatti Gara FXGtti Jijjiramee Oole,Gootonni Qeerroon ABO Faarsuun Diddaa Isaanii Dhageessifataa Turan.

Video

Ayyaanni Cuuphaa Magaala Finfinnee Keessatti Gara FXGtti Jijjiramee Oole Amajii 20,2016 guyyaa ayyaana Cuuphaa jedhamee biyyattiitti kabajamee jira.  Ayyaanni oromiyaa guutuu keessatti  gara Fincilaatti jijjiiramuudhaan FXG gaggeeffamaa oolee jira. Addatti
1.    Magaala Finfinnee kutaalee garagaraa keessatti uummanni haala mijawaa argatuun dhaadannoo isaa dhageesisaa oole. Uummanni lafa jiruu
ayyana sababeessuun wal argee oole WBO fi ABO faarsaa oolee jira. waraabbiin asirratti argamu kan kutaa magaala Finfinnee keessaa Saarisitti daandii gubbaatti bahuun ija diinaa dura dhaabbachuudhaan dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Bakka  hedduutti uummanni Oromoo ayyaana kana irratti argame ayyaanicha guutummaan guututti gara FXGtti jijjiiree oolee jira.
2.    Naannolee godina addaa Oromiyaa keessatti ilmaan tigrootaa Oromoo irratti dhaadatan kannen mootummaa isaanii deggeran irratti uummanni
tarkaanfii garagaraa adeemsisuudhaan adabee jira.  Ayyaana kana irratti magaalota naannowaa oromiyaa keessaa baasuun ilmaan tigree bakka oolmaa dhabsiisanii jiru.  Uummanni tarkaanfii wal fakkaataas adeemsisee jira.
3.    Godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti ayyaana kanaan wal qabsiisuun FXG asdeemsifamee jiruun dargaggoonni hedduun qabamuun
dhagayamee jira. shawaa lixaa kanneen akka Amboo irratti dargaggoonni bahanii akka ayyaana kana irratti hin hirmaanne humna waraana
Wayyaanetiin dhorkamanii jiru. Magaalotaa kanneen biroo keessatti humna waraana wayyaanee ariyuudhaan ayyaanicha gara fincilaatti
naanneessuun uummanni FXG itti fufee ooleera. Qonnaan bulaa fi dargaggoota hedduu irratti hidhaan adeemsifamee jabaatee itti fufee ooleera.

Beeksisa Filmii ” IMIMMAAN BAQATAA”

Video

Fiilmiin Oromoo “Himmimmaan Baqataa” jedhu qabiyyeen aja’ibsiisaa kan ta’ee fi seenaa fi dhaamsi inni dabarsu sadarkaa guddaatti kan ilaalamu waan ta’eef Ummanni Oromoo fiilmii taatoti ilmaam Oromoo hedduun irratti hirmaatan kana yeroo gabaabaa keessatti gabaa irra waan ooluuf akka bittattan haa ta’u.

Har’a Ebla 22,2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa(Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe.

Video

Har’a Ebla 22,2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa(Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe.


Gabaasa balinaan, Kaleessa akkuma gabaasne jirru lammiileen biyyaa Liibiyaatti gara jabeenyaan ajjeefaman guyyoota muraasa dura haala suukkanneessaa tahuun isaa dhala namaa kamuu kan hin dagachiisneeeha. Baqattoonni 28nuu keessaa hordoffii mootummaa Wayyaanee yeroo darbee FDG Oromiyaa keessatti dhalate mormii dhimma Master Pilaaniitiin mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatanii falammii gaggeessuu irratti gara jabina mootummaa Wayyaanee baqachuu irraan dargaggoonni Oromoo hedduu naannoo garagaraatti godaansisee jira, Dargaggoonni kun mudatee jiru keessaa gochi kun kan irratti raawwatame kanneen akka Mangistuu Gashee,kaanis dargaggoota Oromoo maqaa hin argatin jiru, gochi kun dimshaashatti kan raawwate sabni Tigraay keessa waan jiruuf hiriirri taasifame kun hanga muummicha ministeeraa Wayyaanee hirmaachisutti gahus sababa mootummmaa wayyaanen biyya isaanii irraa bahanii carraan kun isaan kan mudateedha, kanumaan har’a hiriira taasifameen uummanni lakkoofsi isaa guddaa walakkaan ol uumata Oromoo kan tahe dhaadannoo hedduun, sirbis dhageessifameera.
Dhaadannowwan jedhamaa oolan,

  1. Mootummaan Wayyaanee hattuudha,
  2. Kan obbolaa keenya ajjeese mootummaa Wayyaaneeti,
  3. Shorokeessaan mootummaa Wayyaaneeti, kan jedhuu fi dubbii muummichan
  4. jedhames uummanni isin hin dhageenyu jechuudhaan feshaleessan.

Uummanni sagalee dhageessisaa oole kana booda aangoo irratti isin hin barbaannujechudha,kanumaan dhagaan darbatame, poolisoonni Wayyaanee 50 ol tahan baayina uummataa hanga kana keessaa kan hubatame reebicha uummataan garmalee miidhamuun beekame akkasuma uummata keessas keessattuu dargaggoota irratti miidhaan guddaanis tahee jira baayeen suuran kan olkaa’ame gocha isaanii addeessus ni jira yeroo ammaa uummanni miidhamee jiru Hospitaala Gaandii fi Zawudiituu kan ciisan dhibbaan lakkaawamu, uummata gadda isaa ibsachuuf bahe irratti ammas miidhaa gurguddaan qaama mootummaa Wayyaameetiin irra gahamee jira.

Qabeenyaan manneen mootummaa naannoo kanatti argamanis dhagaadhan hojiin ala tahanii jiru, Yeroo ammaa naannoo hiriirri kun itti gaggeeffamee fi daandii Boolee, Waddeessa(Piyaassaa)geessu martiyyuu humna waraana Wayyaaneen eegamaa jira, uaummanni qe’ee isaatti hin galu jechuudhaan mootummaan wayyaanee nu fixeera jechuun iyyaa booyichaa dhageessisaa jira.Ammas kan itti fufu uummanni Oromoo jaallan keenya gochi kun irratti raawwate suuraa qabannee magaala Finfinneetti wal argee hiriira adeemsisiu Qeerroon waamicha isaa dabarsuu fedha.