Ibsa Kijibaa fi Fakkeessaan Ummatni Oromoo Ammaan Booda hin Sobamu
Amajjii 13,2016 Ibsa ABO Irraa Kenname
Motumman Wayyaanee waggoottan 24 darban kana dhaaba OPDO jedhee ofii akka fedhee ajajuu fi ergatu ijaarrate of fuuldura qabatuun labsiilee, ibsoota, murtiilee siyaasaa fi lolaa akkasumas biyya isaa Oromiyaa irratti murtii jajjaboo kan jireenya, qabeenyaa fi hiree Oromoo guddaa miidhan garuu ummatni Oromoo dhugaan kan bakka isa bu’u keessa hin qabne labsaa fi murtii dabarsaa bahe. Murtiileen kunii fi labsiin kun maqaa mishoomaa jedhuun samicha, biyya tiksuu jedhuun lola Oormoo hin ilaalle irratti ilaamaan Oromoo ficisiisuu, shororkeessitoota irratti duula jechuun Oromoo mataa isaa irratti loal labsuun hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsuu raawwataa bahe. Ammas dabni kun nu irratti hin dammaqamne jechuun ibsa kijibaa fi fakkeessaa waan Master Plan Finfinnee ilaaluu OPDOn akka labsu godhuun akkuma kana duraa daba dhaaba Kanaan qabatee Oromoo irratti hojjatu itti fufuuf kan of booda hin deebine tahuu agarsiisuu illee ummatni Ormoo ammaan booda lammata ibsaa fi labsii kijibaa fi fakeessaa akkasii akka hin sobamne diinaafi firaafis mirkaneessa. Labsii fi ibsi dhaabni OPDO kaleessa TV Oromiyaa irratti bahuun Master Plan magaalaa Finfinnee fi godinaan addaa Oromiyaa nannoo Finfinnee guutummatti akka haqamu; Oromiyaan faayidaa adda Finfinnee irraa argattuu kan jedhu seera keessaa jiru akka hojii irraa ooluuf OPDOn irratti hojjatuu; ; labsii bulchinsa magaalota Oromiyaa haaraa bahe keessaa keyyata ummatni hin feene irra deebihamee akka foyyaawuu kkf jedhee gara qabxii 8 baase OPDOn ofiifuu tohannaan diinaan fi hidhaa keessa kan jiru waan tahee fi dhimmoota kana irratti murtii dabarsuu aangu waan hin qabnee fi bakka ummata Oromoo bu’ee dubbahcuu waan hin dandeenyeef ummatni Oromoo fi ABOn ibsa kana tasa kan hin fudhatamne tahuu beeksisa. Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf qabsoo kan adeemsise mirga seeraa fi uumaan qabu kabajsiifatee hiree isaa murteeffachuu, sirna dimokraatawaa fi bilisummaan keessatti mirkanaawe argamsiisuu dhaan nagaa waaraa fi amansiisaan jiraatuufi. Kun guutummaatti fedhii fi hawwii ummata Oromoo tahullee akeekni eebbifamaa kun kanneen ummatoota hacuucaa fi saamaa jiraachuu murteeffataniin hin guutamiin jiran.
Guutummaa ibsa kanaa afaan Oromoo fi Amaaraan:-
Ibsa ABO Labsii EPRDF-OPDO Dhimma Master Plan Irratti የኦነግ መግለጫ = የኦሮሞ ሃዝብ በሃሰትና በማስመሰያ መግለጫ ኣይታለልም.docx