Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame,Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

cropped-qeerroo-edit.jpg

Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame Gaaffii Abbaa Biyyummaa Duubatti Hin Deebisu Itti Fufsiisa Malee

Kaayyoon Master Pilaanii godina addaa naannowaa Finfinnee tooftaa ittiin duguuggaa sanyii Oromoo raawwatan tahuun hubachuun nama hin rakkisu. Karoorri kunis akkuma beekamu badii uummata oromoo irraan gahuu akka danda’u beekuu kan dandeenyu danqaa hin qabnu. Waggaa lama dura baatii Ebla bara 2014 keessa uummanni Oromoo ifatti bahee karoora kana dura dhaabbatee mormaa bahe lubbuu hedduun itti wareegamuu uummanni bal’aan Uummanni Oromoo sirnaan hubatee beekee jira. Gaaffii uummanni karaa nagaatiin bahee falmi dhageesisaa ture wayita sanas mootummaan Wayyaanee gaaffi dhiphoonni qabatanii ka’an, kan shororkeessitootaan hoogganamee deemu, jechuun uummata lubbuu isaa gaaffidhuma karaa nagayaatiin gaafate itti dhabaa jirun uummata Oromoo arrabsuu kan dhokate miti.

Kan hubachuu qabu waggaa lama dura yeroo mormiin dhimmi Maaster Pilaanii kun ka’es akka waan hafeetti dudubbachuudhaan afaanii fi harka mootummaa abbaa irree kan taate dhaabni OPDO mormii sana tasgabbeessuuf sobanii bira darbuun yeroo lammaffaa karoora kana galmaan gahachuuf bara 2015 gara dhumaatti mormii uummata Oromoo dammaqseen as bahee jira. Egaan mormiin Maaster Pilaanii ji’oota lama darban keessatti gaaffii seeraa fi haqa qabeessa tahe uummanni karaa nagaatiin gaafataa jiru kana irratti mootummaan Wayyaanee ­ Ummata Oromoo irratti:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 13 2016

1 thought on “Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame,Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

  1. Pingback: Oromia: Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame, Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s