Waxabajjii 11,2017/ Godina Baalee Aanaa Gaasaraa fi Aanaa Dalloo mannaatti OPDOn Abbootii Qabeenyaa Dhalootan Oromoo ta’an Lafa investmentii jettee duraan kadhattee kenniteef Irraa Lafa isaanii saamaa jiraachuun dhagayamee jira.akka gabaasni achii arganne addeessutti Abbootiin qabeenyaa kunniin miseensita Adda Bilisummaa Oromoo ABOti jechuun qabeenya isaanii irraa saamaa jiraachuu fi qabeenya isaanii qisaasessuuf akka ta’es dhagayamee jira
Monthly Archives: June 2017
Marii maqaa Egzibiishinii fi maqaa badhaasa gootota misoomaa badhaasna jedhuun magaalaa Naqamtee keessatti taasifamaa ture irratti hookarsii fi diddaan gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteen dhalachuun himame.
Aside
Waxabajjii 11,2017/ Marii maqaa Egzibiishinii fi maqaa badhaasa gootota misoomaa badhaasna jedhuun magaalaa Naqamtee keessatti taasifamaa ture irratti hookarsii fi diddaan gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteen dhalachuun himame.
Mootummaan goolessituu Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti maqaa badhaasa goototota misoomaa badhaasna jedhuun erga guyyaa gaafa jimaataa irraa kaasuun uummata magaalattii walitti qabuun uummata nagaa dhorkuu ittuma fuftee jirti. Sirni wayyaanee kan hundeen isaa holola kijibaa fi hannaan kan gad dhaabbate guyyaa har’aas godina wallagga bahaa magaalaa Naqamtee staadeemii magaalaa Naqamtee keessatti uummata nagaa walitti qabuun holola misoomaatiin uummata leeqaa afanffajjeessaa oole jira.Sobni yoomiyyuu sobuma.
Murni atakkaaroon kijibaan biyya bulchaa jiru Haayile Maariyaam Dassaaleeny fi Gootowwan Qeerroon magaalaa Naqamtees diddaa sirna Wayyaaneef qaban irraa kan ka’an guutummaa uummata walitti qabamanii jiran gidduutti wallee warraaksaa jalqabuun addaan fashaleessanii jiru.Kanumaan wal qabatees dargaggoonni 4 reebicha waraanni sirna wayyaanee irratti raawwataniin miidhamanii jiru.Dargaggoota kanneen ammaaf maqaaf suuraan nun geenye.Akkuma arganneen isin beeksisna.
Godina Arsii Aanaa Hanqooloo Waabeetti Wayyaanee OPDOn Sababaa Jijjiirraa Qubeen Ummata Gidirsaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 11,2017/Wayyaanee OPDOn Godina Arsii Aanaa Hanqooloo Waabeetti Dilbata har’aa gandoota hundatti Barattoota fi Maatii barattootaa walitti qabdee Qubaan hin jijjiiramne umnoota Ummata Fincilaaf kakaasuu fedhantu akkas jedha malee Tartiibni Qubee hin sirreeffama jedhe malee Qubee hin jijjiira hin jenne mootummaan jechuun ummatatti kijibaa jiraachuu maddeen Qeerroo gabaasanii jiru.
ONN:Gaaffi fi Debi,ii Hundessaa Qube Afaan Oromo kessa tokko kan tahe Obbo Taahaa Abdii waliin
Aside
ONN-Qophii Waxabajjii 11,2017
Aside
Tombollaa Hidhaa Laga Abbayyaa Bitadhaa Jedhchuun Ummanni Dirqisiifamaa Jira.
Aside
Waayeen Jijjiirraa Tartiiba Qubee Dabballoota Wayyaaneetiif Hojii Baasee Jira.
Aside
Waxabajjii 10,2017/ Shirri Wayyaaneen Tartiiba Qubee jijjiiruu jettee asiin baate. Wayyaanefii Ergamtuu Tigree OPDO rifaatuu guddaa keessa galchuun godinaalee hundatti ummata yaaftee qubeen hin jijjiiramne hin jijjiiramus jettee ololaa jiraachuun dhagayamaa jira.Bifuma kanaan Godina Arsii Aanaa Amiinyaattis maatii Barattootaa walitti qabdee Qubeen jijjiirame jechuun Kan Biyya keessaa fi Alaa hafarfamaa jiru kijiba kanaafuu ummanni keenya Oduu akkasiitif gurra hin kenninaa jettee itti kijibaa jiraachuu maddeen Oduu keenya Aanaa Amiinyaa irraa nuuf gabaasanii jiru
Wayyaaneen TPLF Raga Baatota Sobaa Maallaqaan Bitataa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Waxabajjii 10,2017/ Wayyaaneen Ummata Mallaqaan bittee Ragaa Sobaa Qeerroo Karaa nagayaatiin Falmaa turerratti ragaa baasisaa jirti.Haaluma Oromiyaa guutuu keessatti godhaa jirtuun Godina Arsii Aanaa Balee Gasgaar keessattis Qeerrorratti Ragaa bahaa jettee warra isiin mallaqaan bitte keessaa muraasni kanneen maqaan isaanii barruu armaan gadii kanarratti argaman ta’uun beekamee jira
Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessaa Dargaggoonni Sabboonoo Waraana TPLFn Qabamaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 10,2017. Dargaggoo Oromoo Jibriil Sammaan FXG Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aatti Bara darbe gaggeeffamaa ture adda dureedhaan kan hoogganaa ture isa jechuun wayyaaneen ji’a Sadeetii oliif barbaadaa erga turtee jirti.haata’u malee humnoota barbaacha isaa irratti bobbaafte heddummeeffachuun guyyaa kaleessaa harka diinaa galee jira.Dargaggoon kuni Loltuu raayyaa ittisa biyyaa ta’ee waggaa Afuriif hojjatee loltummaa dhiisee hojii dhuunfaa isaa hojjachuun jiraachaa kan ture ta’uunis ni yaadatama Yeroo Ammaa gara ma’aakalaawii geessaa jiraachuun maddeen keenya gabaasanii jiru
Gartuun TPLF/OPDOn Jijjiirama Qubee Afaan Oromoo Irratti Ganda Gandaan Ummata Walitti Qabuun Afaan Fajjessaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 10,2017 /Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Aqaaqiitti marii haala yeroo jechuun ganda gandaan ummanni walitti qabamee haala jijjiirama Qubee Afaan Oromoo jechuun ummata afaan faajjessaa jiraachuun dhagayamee jira. Akka gabaafni achii arganne himutti Addi Bilisummaa Oromoo ABOn Qubeen jijjiiramuu hin qabu jedhee Qubee mootummaan Barattootaf haala fooyya’aa ta’een dhiyeessaa jiru qeequun ummata Fincilaaf kakaasaa jira jechuun kaabinoonni ganda gandarra ramadamanii ummata afaan faajjessaa jiraachuu maddeen keenna naannawa sanii gabaasanii jiru


