Marii maqaa Egzibiishinii fi maqaa badhaasa gootota misoomaa badhaasna jedhuun magaalaa Naqamtee keessatti taasifamaa ture irratti hookarsii fi diddaan gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteen dhalachuun himame.

Waxabajjii 11,2017/ Marii maqaa Egzibiishinii fi maqaa badhaasa gootota misoomaa badhaasna jedhuun magaalaa Naqamtee keessatti taasifamaa ture irratti hookarsii fi diddaan gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteen dhalachuun himame.
Mootummaan goolessituu Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti maqaa badhaasa goototota misoomaa badhaasna jedhuun erga guyyaa gaafa jimaataa irraa kaasuun uummata magaalattii walitti qabuun uummata nagaa dhorkuu ittuma fuftee jirti. Sirni wayyaanee kan hundeen isaa holola kijibaa fi hannaan kan gad dhaabbate guyyaa har’aas godina wallagga bahaa magaalaa Naqamtee staadeemii magaalaa Naqamtee keessatti uummata nagaa walitti qabuun holola misoomaatiin uummata leeqaa afanffajjeessaa oole jira.Sobni yoomiyyuu sobuma.

Murni atakkaaroon kijibaan biyya bulchaa jiru Haayile Maariyaam Dassaaleeny fi Gootowwan Qeerroon magaalaa Naqamtees diddaa sirna Wayyaaneef qaban irraa kan ka’an guutummaa uummata walitti qabamanii jiran gidduutti wallee warraaksaa jalqabuun addaan fashaleessanii jiru.Kanumaan wal qabatees dargaggoonni 4 reebicha waraanni sirna wayyaanee irratti raawwataniin miidhamanii jiru.Dargaggoota kanneen ammaaf maqaaf suuraan nun geenye.Akkuma arganneen isin beeksisna.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s