OPDOn Tartiiba Qubee Afaan Oromoo A B C D….Z Ture Jijjirte!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Image result for ABCD oromoBiiroon Barnoota  OPDO Oromiyaa keessatti tartiiba qubee Afaan Oromoo A B C E F….Z   ture  jijjirudhaan  tartiiba haaraa L irraa eegalu uumee kitaaba barnootaa maxxansee barsiisuu eegaluun wal qabatee gutummaa Oromiyaa keessatti  ummanni Oromoo keessumaa barattoonnii fi barsiiftonni mormii guddaa muldhisaa jiru.

Akka gabaasa kanaatti  biroo barnoota Oromiyaa kena jedhamuu fi kan jalee wayyaanee OPDOn hogganamu  jiru  qormaata gahaa fi sababa  ifa ta’e osoo lafa hin kaa’iin  tartiiba qubee faaan Oromoo waggota hedduuf, Odoo OPDOnuu hin ummamin hojiirra oolaa ture  tartiiba isaa faalleessuun isa ummanni Oromoo fi saboonni kuunilleen ittiin beekan A B C D…..Z jedhu jijjiruun  ka’uumsa isaa L.. …..taasisuun kutaa 1- amma 8tti  kitaaba maxxansee barsiisuu eegaleera.

Jijjiramuu  tartiiba qubee afaan Oromoo  kanaaf sirnichis ta’e ogeeyyiin afaanii amma ammaatti ibsa ballaa fi sababa isaa kan lafa hin kaa’iin yoo ta’u; Barattonnii fi barsiiftonni manneen barnootaa  adda addaa gutummaa Oromiyaa keessa jiran deemsa kana ifatti balaaleeffachaa akka jiran gabaafameera. Continue reading

Xumura Hogantoota OPDO, Motummaa Woyaane Jalati – Same Disastrous Fate of All OPDO Leaders

Aside

Hasan Alii, Almaaz Makkoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa, Junaddii  Saaddoo, Abbaa Duulaa Gammadaa, Bakar Shaalee, Lammaa Magarsaa …. Abaate Kishoo, Yaaragaal Ayishashum…fi …. Xumura Isaanii!

Baarentuu Gadaa Irraa

Keessumaa biyyoota lixaa hedduu keessatti kun aadaa ta’eera

Biyyaa fi saba kam keessattuu, dhaabooleen siyaasa walii masaanuu ta’anii fi anatu caala, anatu caala waliin jechuun waliin atakaran ni jiru. Yaadoota adda addaarrattis wal mormuu danda’u; bakka walii galanitti walii galanii, bakka walii hin galletti ammoo garaagarummaa isaanii tikfatanii jiraatu. Biyyoota hedduu keessattis jiraachaa jiru.

Keessumaa biyyoota lixaa hedduu keessatti kun aadaa ta’eera. Continue reading