Neocolonialism fi Shira Diinaa Maqaa Qubee Afaan Oromoo Jijjiiruu jedhuun Gadi Bahee ilaalchisuun Dhaamsa Gudunfaa Dubbii.

Aside

The use of economic, political, cultural or other pressures to control or influence other Countries, especially former dependencies. It is the control of less- developed or developing countries by developed countries through indirect means. It may simply refers to the  involvement of powerful countries in the affairs of less powerful countries. In this sense , it implies a form of economic imperialism.
   Guyyaa Wayyaaneen afaan qawweetti fayyadamtee qawween aangoo dhuunfatte irraa kaasee , Ameriikaan Wayyaanee dugda duubaan gugguufaa har’a geesse, wayyaanee keessaan gortees Qabsoo keenya duras dhaabbachaa turte, har’allee sanumatu muldhata. Ambi maqaa USIAD jedhuun qabeenyaa invest godhee seenaa kee, duudhaa kee, safuu kee, eenyummaa kee,  aadaa kee fi Afaan kee hin beekne har’a anatu siif beekaa, hiree Afaan kee nutu siif murteessaa jechuun sirna kolonii nurratti gaggeessa jirti.

Continue reading

Jijjiirraa Tartiiba Qubee Afaan Oromoo Mootummaa Wayyaaneefi Ergamtoota Wayyaaneetiin Taasifame Ilaalchisee Dhaamsa Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) Irraa Kenname.

Aside

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara gara yerootti ajandaa garaagaraa kan ittiin dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuufi umrii bittaa gabrummaa isaa ittiin dheeraffatu baafachaa akkuma tureefi ammas ittijiru tartiiba  Qubee Afaan Oromoo geeddaruudhaan ilmaan Oromoo irratti gaaga’ama gaggeessuuf karoorfachuun ifaadha. Ummatni Oromoo mootummaa wayyaanee irraa waan gaarii gonkuma eegee hinbeeku, ammas kan irraa hin eegne tahuu durumaanis nibeeka. Mootummaan wayyaanee ajandaa dhiiga ilmaan Oromoo ittin dhangalaasuufi gaaga’ama nageenya ummataa ittiin fidu qofa baafata. Kunimmoo sirna gabrummaa ummata Oromoo irratti dheeressuufi gocha duguuginsa sanyiif ummata Oromoo saaxilaa jira. Continue reading

Yuniversitiilee Keessatti Dararaan Barattoota Oromoo Irra Gahu Hammaataa Jira.

Aside

Waxabajjii 19,2017/ Bara kana ji’oota jaha dura, Mooraa Wallo Yuunibarsiitii keessatti sababa Oromummaa isaanii qofaaf ilmaan habashaa keessattuu TPLF  barattoota Oromoo irratti lola hamaa banuu isaanii gabaasaalee keenya ji’oota muraasaan ibsaa turre.

Akka gabaasi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ibsutti tibba sana barattoota Oromoo shantamaa ol mana hidhaa tursuun dararaa hamaan irra dhaqaabe. Kana cinatti gaafuma sana barataa, Nagarii Gaaromaa dhalootaan Horro Guduruu Wallaggaa kan ta’e barattoota cinaa butamee reebicha hamaa bakka namni hinarginetti erga irra geessisanii booda du’e jedhanii mooraa keessatti halkan konkolaataa waraanaan deebisanii gatanii sana irratti deebisaniis sobee ciisa jechuun akka fayye hubatuun lola biraa irratti banuuf gaafa yaalaan manni yaalaa magaalichaa harkatti busheessee jedhu.
Haalli fayyaa Nagarii Gaaromaa gaafa akka malee ulfaataa deemu, gara manasaatti galee akka yaalamu ta’ee jedhu barattoonni bilbilaan nuuf himan. Akkuma kana guyyuma sana waldhabdee uumamte sababeeffachuun barattuu Raahel Daggafuu barattuu Biology irraa barana eebbifamuuf Continue reading