Waxabajjii 7,2017 Duulli karaa ergamtuu diinaa OPDO uummatarratti dalagamu itti fufuun, guyyaa torbaa oliif magaalaa jimmaa keessatti gibira kaffaluu diddan jedhamuun aangoo seeraan alaa fayyadamuun mana daldalaa uummatarratti cufuun itti fufe. Haalaa kana keessatti daldaltoonni danuun hanqina maallaqaaf jecha akka malee miidhamaa jiraachuun dubbatame.
Bakkeewwaan magaalicha keessaa irratti xiyyeffatamee cufamaa jiru Qocii, Ajiippii, Naannoo Ginjoo Guduruu, Jireen, Kuulloo Barrii fi kanneen kaan keessattillee duullu mana daldalaa samsuu cimee itti fufee jira
Daily Archives: June 7, 2017
Qubeen Afaan Oromoo Qabsoon Argame Qabsoon Tikfama.
Aside
Bittootni Itophiyaa seenaan ummata Oromoo, aadaa fi afaan isaa akka hin dagaagne, hin baratamnee fi hin beekamne taasisuu irratti baroota dheeraaf hojjatan. Dhabama aadaa, afaanii fi seenaa ummata Oromoo irratti kan ofii dagaagfatuun akeeka bittootaa waan tureef wanneen eenyummaa Oromoo mul’isan hundi ugguramoo kan ittiin hin baratamne, ittiin hin hojjatamnee fi ittiin wal hin quunnamamne taasifamuun dhabamaatti dhiheeffamaniii turan.
Bittootni eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf yaalii ol aanaa godhan illee beektotni Oromoo garuu matayyaanis tahe gareen dhabama irraa hambisuuf gumaachi godhan ol aanaa dha. Afaan Oromoo afaan quunnamtii qofa osoo hin taane Afaan hojii fi barnootaa akka tahuuf yaaliin baroota dheeraaf adeemsisan milkaa’ee Afaan hojii fi kan barnootaa kan tahe waggoota 26n dura bara 1991 keessa tahuunis ni yaadatama. Continue reading
Akka Afoola Jibichaa fi Sardiida Gowwaa San Akka Hin Taane Cimsinee Of Haa Eeggannu!
Aside
Baarentuu Gadaa Irraa
Wayyaaneen Riirima,yoo of eeggachuu baatan urtee seentee nyaattee nama fixxi. Warri murna tana akka jiraamiyaattis ta’e, akka nama dhunfaatti amanee itti hiiqe hundi balaa adda addaaf saaxilameera, saaxilamaas jira. Murna tana waliin taa’anii waan faayidaa qabu haasa’uun,karaa haqaa fi nagahaan waliin dubbachuu fi mari’achuun darbees waliin hojjechuun gongumaa hin danda’amu. Wayyaaneen murna amanamtuu miti. Naa’umsa hin qabdu.Seeraaf hin bitamtuu. Hojiin ishii martuu hojii kijibaa fi waliin dhahanii yeroof rakkoo bira darbuuti. Walumaa galatti murni tun isa har’a jette boru, isa ganama jette galgala itti hin deebitu.
Murni haala kanaan waggoota 26n darbaniif ummata biratti beekamtu kan hojiin ishii ijoon hidhaa,ajjeechaa,saamichaa fi dararaa ta’e kunoo yeroo dhihoon as eenyummaa ishii isa dhugaa dhoksitee as bahuuf tattaafachaa jirti. Osoo ummanni yeyyii ta’uu ishii addabaabaayitti beekuu gogaa hoolaa haguggattee isinan moogsa jechaa jirti. Continue reading