Godina Wallagaa Yuniversiitii Wallaggaa Keessatti Loltooti TPLF Barattoota Eebbifamuuf Jedhan Doorsisaa Jiru Jedhu Barattooti.

Aside

IMG_20170629_220602Waxabajjii 29,2017/Yuunversiitii Wallaggaa keessatti sirna eebbifamtoota bara kanaa irratti diddaan ka’uu. mala jechuun Wayyaaneen baratoota ba’aaf gala dhorkaa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Mootummaan gita bittuu abbaa irree Wayyaanee baratoota mooraa yuunversiitii wallaggaa keesssa jiran maqaa eebba bara kanaa irratti mormii kaasuu jedhuun shakkii fi muddamsuu keessa seenuudhaan humna waraanaa guutummaa mooraa yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo ishee irra qubsiisee baratoota moorichaa  ba’aafi gala dhorkaa akka jiru maddeen qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaa irraa gabaasan. Continue reading

Godina Arsii Aanaalee Shirkaa fi Gobbessaa Keessaa Oromoonni Heddumminaan Waraana TPLFn Qabamuun Hidhaatti Darbamaa Jiru.

Aside

because-i-am-oromoWaxabajjii 30.2017/ Godina Arsii Aanaa Shirkaa Magaalaa Gobeessaa keessatti Dargaggoonni Oromoo hidhamaa jiru. Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Ayyaana Iidalfaxriitti Ummanni Akka mormii godhuuf waamicha karaa adda addaatin godhaa turtanii jirtu jechuun Ilmaan Oromoo mana isaanitii guuramuun hidhatti darbatamaa jiru. Akka gabaasni Aanicharraa nu gahe addeessutti dargaggoonni hanga ammaatti mana hidhaatitti darbataman Muhammad Jabboo Aliyyii, Huseen Amaan Gaaradoo, Turaa Jamaal Waakkannee, Ibraahim Jamaal H/ Hasan, Reeduwaan Sh/ Amiin Turee, Awwaloo Ahmad Aloo , Abdii Muhaammad Jamaal, Mahdii Muhaammad Amiin kanneen jedhaman kan keessatti argaman ta’uu maddeen keenya Shirkarraa gabaasanii jiru.

Kana malees Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Dubartoota walitti qabdee Durgoo Qarshii 50 guyyaan kaffalaaafii Dubartoota doorsisaa jirti.19366239_682332708641349_5389908550204486148_n

Akka gabaasni achii nu gahe ibsutti dubartoonni maatii isaanii Akka deeggartoota ABO fi Qaamolee siyaasaa kamiituu hin Continue reading