Waxabajjii 9,2017/Ergamtoonni OPDO,f amanamoo ta’uun uummata oromoo nagaa dhorkaa turan ammas guutummaa golee oromiyaa keessa oliif gadi deemuun uummata oromootti gurra duuchuu isaanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan murni bicuu gogaa hoolaa uffachuun uummata oromoo bukkeetti fudhatama argachuuf jecha sobaan hololuun beekamu maqaaf peresdaantii mootummaa naannoo oromiyaa kan ofiin jedhu lammaan magarsaa torban kana guutuu godina wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa oliif gadi adeemuun maqaa misooma sobaatiin uummatatti hololaan lafa dhiphisaa jiraachuu isaa qeerroon gabaasee jira. Continue reading