Waxabajjii 10,2017. Dargaggoo Oromoo Jibriil Sammaan FXG Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aatti Bara darbe gaggeeffamaa ture adda dureedhaan kan hoogganaa ture isa jechuun wayyaaneen ji’a Sadeetii oliif barbaadaa erga turtee jirti.haata’u malee humnoota barbaacha isaa irratti bobbaafte heddummeeffachuun guyyaa kaleessaa harka diinaa galee jira.Dargaggoon kuni Loltuu raayyaa ittisa biyyaa ta’ee waggaa Afuriif hojjatee loltummaa dhiisee hojii dhuunfaa isaa hojjachuun jiraachaa kan ture ta’uunis ni yaadatama Yeroo Ammaa gara ma’aakalaawii geessaa jiraachuun maddeen keenya gabaasanii jiru
Pingback: Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessaa Dargaggoonni Sabboonoo Waraana TPLFn Qabamaa Jiru. – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA