Kutaa Bulchiisa Finfinnee Keessatti Ergamtooti TPLF Maqaa Nama Lakkaawu Jedhuun Gandoota Keessa Kaatanii Jiru.

Aside

Waxabajjii 16,2017/ Kutaa Finfiinnee Mara keessaatti mootummaan Wayyaanee maqaa baay’ina uummata jechuun uummata manarra deemuun maqaa hanga akakaayyuu galmeessaa jirti.Eenyu akka naannoo kam jiraatuu namni kam akka jiraatuu adda baafachuuf sodaan waan muddamteef rifaatuu guddaa keessa seenaa jirti.

Haala kanaan bakka hedduutti ummanni hulaa banuufii didee nurraa deema jechuun of irraa deebisaa kan ammoo maal lakkooftu kan mana hidhaatti ajjeeftanii,kan biyya baaftanii fixxaniittu  isuma waggaa duraa lakkooftan lamatti hiraa1/2 jedha gabaasaa fixxaniin jirtu hoo jechuun ergamtoota diinaa saree roobaa gochaa jiraachuu Qeerroon beeksise. Continue reading

Wayyaaneen TPLF kaardiilee moobaayilaa kanneen gatiin isaanii gadi bu’aa taa’an dhaabbata Ethiotelecom kan impaayeera biyyattii waliin walii galuun dhabamsiisuun uummata biyyattii saamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Aside

Waxabajjii 16,2017, Mootummaan goolessittuu wayyaanee kan hundeen ishee humna qawwee fi aangoo abbaa irrummaatiin kan dhaabbate yeroo saamicha uummata irratti geggeessaa ture bifa garaa garaatiin raawwachuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan murni holola kijibaa fi hannaan biyya bulchaa jiru wayyaaneen yeroo ammaa harka lafa jalaan erga dhaabbata Ethiotelecom waliin erga walii galeen booda kaardii moobaayilaa kanneen gatiin isaanii gadi bu’aa taa’an guutummaa dunkaana/suuqii biyyattii keessaa balleessuudhaan uummata biyyattii gidirsaa fi afanffajjeessaa akka jiru Qeerroon gabaase. Continue reading