Waxabajjii 18,2017/ Godina Arsii Aanaa Jajuutti Qeerron Bilisummaa Oromoo Aanaa Jajuu Kijiba Wayyaanetiif gurra hin kenninu qabsoo finiinsuuf malee qabsoo qancarsuuf hin gurmoofne hanga wayyaanen biyya teenna gadhiiftee yaatuu qabsoo eegallee kumaatamni itti dhumee itti hidhamaa jirurraa duubatti hin deebinu jechaa jiru. Continue reading
Daily Archives: June 18, 2017
ONN-Oduu
Aside
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa kojowaa ganda Arusee Daarsaa Keessaa Ummanni hanqina bishaanii dararamaa jira.
Aside
Waxabajjii 18,2017/Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa kojowaa ganda Arusee Daarsaa keessatti ummanni.bishaan dhugaatii dhabee dararamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.akka gabaasni achii arganne addeessutti Aanichatti Ummanni gandoota heddu keessaa bishaan qulqulluu dhabee dhibee adda addaatif saaxilamaa jira.haata’uu ergamtoonni wayyaanee OPDOn Kaabinoota ufii ummatatti gadi yaaftee ummatarraa maqaa bishaan isinii baafna jedhuun maallaqa saamaa fi saamsisaa jiraachuus maddeen keenya itti dabaluun addeessanii jiru. Continue reading
TPLF Harargee Bahaa Magaalaa Haromaayaa Keessatti Jala Deemtota Leenjifatte.
Aside
Waxabajjii 18,2017/Harargee Bahaa Magaalaa Haromaayaa keessatti Milishoonni Wayyaanen leenjifte eebbifamuun hojirratti bobba’uun guyyaa kaleeysaa uffanni seeraa waajjira nageenyaa aanichaatiin bitamee hiramuu fi waraqaan ragaa adda addaatiis kennameefii jiraachuun dhagayamee jira Continue reading
Barsiisota Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaa Magaalaa Masalaa Lafa Isinii Kennina Jechuun Ummata Naannichaa Garii Buqisaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 18,2017/Dilbata Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaa Magaalaa Masalaa keeysatti Wayyaaneen Barsiiftotaf lafa kennineerra ummanni hunduu waldaan wal ijaaree faaydaa mootummaarraa arkachuu qabu hundaawuu arkachuu dandaha kanaaf jiraattonni aanichaa hundinuu ijaaramuudha qabdu jechaa jiru. Continue reading