Daily Archives: June 24, 2017
ONN: Oduu Waxabajjii 24/2017
Aside
Gaggeessaa Jaallan Eebbifamtoota Bara Kanaaf Qeerron Yuunibarsiitii Jimmaa Bifa Ho’aan Goolabee jira.
Aside
Waxabajji 24,2017/ Falma abbaa biyyummaa irratti FDG irraa hanga FXG waliin falmaa diddaa roorroo halagaa waliin taasifamaa ture irratti waliin waan uummata Oromoof ta’a jedhamu mara irratti waliin turtii taasisaa turan. Adeemsa falmii mirga abbaa biyyuummaa ABO n durfamuu kana keessatti bu’aa bayii hedduu waliin dabarsaa kan turan, bakka rakkoon walii isaanirra gahe irraatti maallaqaniis qaamanis wal tumsaa turuun walirraa faca’iinsa Oromiyaa keessaa sababa dalagaa hojiif akkasuma xumura barnootaa kaawwaniif qophii gaggeessaa waliin taasisanii jiran. Continue reading
Godina Lixa Shaggar,Magaalaa Amboo Keessatti FXG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Waxabajjii 23/2017) Gidduugaleessa Oromıyaa Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Guyyaa Har’as Itt Fufuun Goototni Qeerroon barattootni fi Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Amboo Sochii Warraaqsaa FXG jabeessuun hidhaan, ajjeechaa fi dararaan kamuu qabsoo falmaa mirga abbaa biyyummaa keenyaaf goonu irraa hanga gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa deebii argatuutti Sochii mormii gita bittaa abbaa irree wayyaaneef qabnu irraa hin dhaabbatnu jechuun Sagalee Mormii jabaa dhageesisuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Continue reading