SBO: Waxabajjii 16 bara 2017. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Jijjiirraa Tartiiba Qubee Afaan Oromoo Irratti Gaaffii fi Deebii Barsiisaa Namarraa Addaamuu waliin taasifame -kutaa xumuraa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Midiyaan Haqaaf Dhaabbate Ummata Biratti kabajaa qaba.

Aside

SBOSBO/VOL – Waxabajjii 14,2017) Ummatni Oromoo miidiyaa dhimma isaa irratti xiyyeeffatu akka hin qabaatne taasifamuu irraa baroota dheeraaf dhimma isaa irratti alagaa taasifamee turfame. Miidiyaa ofii dhabuun Oromoon eenyummaa isaa fi walii isaas akka hin beekne taasisuuf gargaare. Haala keessa jiru, haala naannoo fi addunyaa irratti odeessa haqaa fi qabatamaa akka hin arganne taasisuun odeessa irraa fageesse.

Ummatni Oromoo dheebuu odeeffannoo haqaaf qabu kan bahuu eegale tamsaasi raadiyoo SBO erga jalqabeen asi dha yoo jedhame dhara hin tahu. SnBO arraata ABO dhimma Oromoof dursa kennuun odeessa ummata Oromoo gargaaru dhaqqabsiise, seenaa Oromoo hubachiise, firaa fi diina isaa akka adda baafatu taasise, haala keessa jiruu fi mirga qabaatuu male barsiisee dha jechuutu danda’ama. Continue reading