Waxabajjii 10,2017/ Shirri Wayyaaneen Tartiiba Qubee jijjiiruu jettee asiin baate. Wayyaanefii Ergamtuu Tigree OPDO rifaatuu guddaa keessa galchuun godinaalee hundatti ummata yaaftee qubeen hin jijjiiramne hin jijjiiramus jettee ololaa jiraachuun dhagayamaa jira.Bifuma kanaan Godina Arsii Aanaa Amiinyaattis maatii Barattootaa walitti qabdee Qubeen jijjiirame jechuun Kan Biyya keessaa fi Alaa hafarfamaa jiru kijiba kanaafuu ummanni keenya Oduu akkasiitif gurra hin kenninaa jettee itti kijibaa jiraachuu maddeen Oduu keenya Aanaa Amiinyaa irraa nuuf gabaasanii jiru