Daily Archives: June 20, 2017
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Waxabajjii 20,2017
Aside
Galaanee Bulbulaa: “Finfinnee Karii Shannii” [New Oromo Music – 2017]
Aside
Diyaaspooraan Oromoo Murna Dhiiga Ummata Oromoo Dhangalaasaa Turee fi Jiru Waliin Ayyaana Gaggeeffatu, Sirbuu fi Dhiichisu Innuu Diina Oromoo Ti!
Aside
Baarentuu Gadaa Irraa

Wayyaaneen waggaa waggaadhaan guyyaa diyaaspooraa jettee erga holola eegaltee waggoonni muraafni lakkaawwamaniiru. Baranni waggaa 3ffaadha.
Murni tun guyyaa kanaan dahattees ilmaan sabootaa dararaa ishii baqatanii biyyaa bahanii fi sababoota adda addaatin biyyoota alaa jiraatan ofitti hawwachuuf hololaa turte, ittis jirti. Lafa argattuu, ni duroomtu, mana ijaarrattu jechuun horii isaan dafqanii argatanis harkaa sassaabbachaa turte, ammas caalaatti saamuuf iyyaa jirti. Continue reading
Godina Wallaggaa Magaalaan Naqamtee Ifaa Dhabaa Jirti.
Aside
Waxabajjii 20,2017/ Godina Wallaga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti rakkoon addaan ciccituu ibsaa fi bishaaniin wal qabatee uummanni magaalichaa rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun himame.
Murni aangoo qawween biyya bulchaa jiru Wayyaaneen TPLF jiraattota godina Wallagga magaalaa Naqamtee kutaawwan magaalichaa tokko tokkorraa erga bishaanii fi ibsaa kutee bubbulee akka jiru uummanni magaalichaa iyyachaa jiran.
Akka maddi oduu qeerroo magaalaa Naqamteerraa gabaasetti Kutaawwan magaalichaa keessaa kanneen akka 07 fi 03 irraa sirni wayyaanee erga ibsaa irraa kutee uummata kutaa magaalichaa dhiphisuu eegalee bubbulee jiraachuun ibsame. Rakkoon bishaanni addaan ciccituus deddeebiin akka uummata magaalichaa mudachaa jirus ibsame. Continue reading