Barataa Medicine Waggaa 6ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi Barreessaa Kitaaba ‘’Hidhaa Moo Hidhannoo?’’ jedhu kan barreesse barataa Falmataa Bayeechaa Hundee Adamoo Waraana TPLF Jalaa Miliquun Biyyaa Bahe.

Aside

Waxabajjii 6/2017 Barataa Medicine Waggaa 6ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi Barreessaa Kitaaba ‘’Hidhaa Moo Hidhannoo?’’ jedhu kan barreesse barataa Falmataa Bayeechaa Hundee yeroo dheeraaf humnoota tikaa fi Waraana komaandii Poostii wayyaaneetiin ajjeechaaf barbaadamaa kan ture afaan Diinaa jalaa miliqee bahee jiraachuu madden Qeerroo gabaasan. Barataa Falmataa Bayeechaa Hundee Gamtaa Barattoota Oromoo GBO bu’uuressuu fi hanga hoogganuutti illee gahee guddaa nama qabudha.
Sabboontota dargaggoota Qeerroo Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Ebla 11/2014 irraa eegaluun bifa qindaa’een qabsiisan keessa nama tokko ta’uun beekamaadha. Continue reading