Finfinnee/Walaloo

Aside

Ficilli Xumura Gabrummaa Itti Fufee Godina Harargee Lixaa Magaalaa Masalaa Keessatti Har’a Amajjii 5,2016 Ummanni Waraana Wayyaaneen Wal Qabaa Jira.

Aside

Amajjii 4,2016 Gootonni Qeerroon Oromoo Wallagga Magaalaa Waayyuu Tuqaa Keessatti FXG Itti Fufan!

Aside

Amajjii 04,2016 Ficilli Xumura Gabrummaa Wallagga Aanaa Anfilloo Magaalaa Muggii Keessatti Itti Fufee Oole,Barattooti Hedduun Reebamanii Jiru.Manni Barnootaas Cufame.

Aside

Dargaggoon Fixqaaduu Shuumataa Waaqtolaa Adamoo Wayyaanee Jaalaa Nagaan Miliqe.

Aside

Dargaggoon Fiqaaduu Shuumataa Waaqtolaa baatii Sadaasa 2015 keessa FDG Wallagga magaalaa Madiitti gaggeeffame keessatti hirmaachuun dhadatnoo mirga namoomaa fi mirgoota saba Oromoo kaasu dhageessisuun barattootatti onnee horee nama turedha, dhadatnoo isaan booda suuraaleen inni gaafas ka’e marsaalee hedduu keessatti faca’uun Oromoota biyya alaa fi keessa jiran qalbii hortee akka ture beekama.

Mootummaan Wayyaanee dargaggoo kan barbaacha olii fi gadi kaataa yoo turte iyyuu dargaggoon kun gargaarsaa fi tumsa qabsaawota Qeerroon deggeramuun biyya ollaatti akka bahu taasifamee jira. Kanneen keessattis qoodi qabsaawota ala jiran qabanis guddaa dha.

 

“Waadaa Walii Kakanna,Amma Geesse Sabakoo” Wallee Warraaqsaa Artist Geetuu Xiqqaa/Amajjii 4,2016

Aside

Barruuleen Waamicha Fincila Xumura Gabrummaa Wallagga Gimbii Keessatti Faca’uu Irraan Loltooti Wayyaanee Jeeqama Seenan.

Aside

Amajjii 4,2015 Magaalota Oromiyaa mara keeysatti yeroo kana waraqaan garagaraa bittimfamaa jiru. Halkan Amajii 3/2016 Wallagga lixaa magaala Gimbiitti waraqaa bittimfame buleen loltooti Itiyophiyaa Wayyaanee nagaa dhabdee bulte. Magaala Gimbiitti waraqaan bittimfame Barnootni Bilisummaa Booda kan jedhu guutumma magaalattii keessatti kan faca’e bule yoommuu taahu har’a waraanni Wallagga lixaa irra buufatee jiru daran olii gadi kaata oole.

Wallagga lixaa, Qellem Wallaggaa, wallagga bahaa fi Horroo Guduruutti FXG har’a barattoota, hojjetoota mootummaa fi qonnaan bulaa dhaan jabaatee oole, Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti qonna bulaan, barataan wal tahun haleellaa waraana wayyane irratti banen aanaa Anfilloo keessa baasee jira.Wallagga bahaatti maagaala Sibuu Siree mana barumsaa sadarkaa 2ffaatti itti fufee oole.
Loltooti Wayyaane guyyaa har’aa Oromiyaa keessatti akka maraatuu tahuun oolte. Daandiin konkolaattotaa magaalota hedduu keeysatti addaan ciccitee oolee. Dhaabbilee barnoota yuuniversitii keeysattis FXG haala onnachisan ganama irraa kaasee itti fufee ooleera.
Yuuniversitii Adaamatti barattootni hedduun lakkaawaman humna waraana Wayyaaneen qabamani ukkaamfamani jiru. Dhukaasa wayyaaneen barattoota irratti banen barataan lubbuun darbes kan jiru yoo tahu ammatti maqaan isaa kan hin gabaafamne Qeerroon mooraa yuuniversitii Adaamaa irra gabaasee jira.

 

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 4, 2016

Aside

Godinaaleen Bahaa Oromiyaa fi Kibbaa Bahaa Oromiyaatti Warraaqsii FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Amajjii 4,2015, Godinaaleen Bahaa Oromiyaa fi Kibbaa Bahaa Oromiyaatti warraaqsii FXG uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon
Aanaawwaan godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti jabaachuun itti fufe, Godinaalee Harargee Bahaa Aanaa Qobboofi, Dadaritti
warraaqsii haalan jabaachuun daandiin konkolaataa uummataa fi dargaggootaan Qobboo irratti haalan kan cufame ta’uun ibsame jira.
Ittuma fufuun Godina Harargee Lixaa aanaawwaan kanneen akka aanaa Habroo Magaalaa Galamsootti humnootni Agaazii Wayyaanee Abbaa Seeraa Aanaa kana kan ta’ee Obboo Tasfayee Tolaa kan jedhamuu halkan mana galmaa isaa cabsuun Shugguxii isaa fi Qabeenyaa isaa saamamuun gabaafame, Wajjiirri mana murtii Aanaa Habroos tajaajila dhaabuun
gabaafame jira.

Amajjii 4,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Shambuu fi Magaalaa Madii Keessatti Ficila Xumura Gabrummaa Ka’een Manneen Barnootaa Qophaayinaa Guutummaati Cufaman.

Aside

Har’a Amajjii 4,2016 Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Shaambuu keessatti kan argamu mani barnoota qophaa’inaa guutummatti cufamee jira.Mormii barattoonni kaasaniin wal qabatee ijoolleen shamarran Oromoo lama waraana Wayyaaneen waan butamanii ukkaamfamaniin barattooti guutummaatti dhadatnoo dhageessisaa turanii mana barnootaa cufanii gara maatii isaaniitti deebi’aa jiru.Barnooti bilisummaa booda jechaa dhadataa akka turan Qeerroon gabaasa.

Gama biraan Godinuma Wallagga lixaa magaalaa Mandii keessatti barattooti Oromoo warri hidhaman haa gadhiifaman dhadatnoo jedhuun mormii guyyaa har’aa ka’een wal qabatee waraanni wayyaanee magaalicha goolaa waan jiruuf barattooti guutummaatti mana barnootaa cufanii maatiitti deebi’aa akka jiran gabaafame.