Barruuleen Waamicha Fincila Xumura Gabrummaa Wallagga Gimbii Keessatti Faca’uu Irraan Loltooti Wayyaanee Jeeqama Seenan.

Amajjii 4,2015 Magaalota Oromiyaa mara keeysatti yeroo kana waraqaan garagaraa bittimfamaa jiru. Halkan Amajii 3/2016 Wallagga lixaa magaala Gimbiitti waraqaa bittimfame buleen loltooti Itiyophiyaa Wayyaanee nagaa dhabdee bulte. Magaala Gimbiitti waraqaan bittimfame Barnootni Bilisummaa Booda kan jedhu guutumma magaalattii keessatti kan faca’e bule yoommuu taahu har’a waraanni Wallagga lixaa irra buufatee jiru daran olii gadi kaata oole.

Wallagga lixaa, Qellem Wallaggaa, wallagga bahaa fi Horroo Guduruutti FXG har’a barattoota, hojjetoota mootummaa fi qonnaan bulaa dhaan jabaatee oole, Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti qonna bulaan, barataan wal tahun haleellaa waraana wayyane irratti banen aanaa Anfilloo keessa baasee jira.Wallagga bahaatti maagaala Sibuu Siree mana barumsaa sadarkaa 2ffaatti itti fufee oole.
Loltooti Wayyaane guyyaa har’aa Oromiyaa keessatti akka maraatuu tahuun oolte. Daandiin konkolaattotaa magaalota hedduu keeysatti addaan ciccitee oolee. Dhaabbilee barnoota yuuniversitii keeysattis FXG haala onnachisan ganama irraa kaasee itti fufee ooleera.
Yuuniversitii Adaamatti barattootni hedduun lakkaawaman humna waraana Wayyaaneen qabamani ukkaamfamani jiru. Dhukaasa wayyaaneen barattoota irratti banen barataan lubbuun darbes kan jiru yoo tahu ammatti maqaan isaa kan hin gabaafamne Qeerroon mooraa yuuniversitii Adaamaa irra gabaasee jira.

 

2 thoughts on “Barruuleen Waamicha Fincila Xumura Gabrummaa Wallagga Gimbii Keessatti Faca’uu Irraan Loltooti Wayyaanee Jeeqama Seenan.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

  2. Pingback: Akka Afoola Jibichaa fi Sardiida Gowwaa San Akka Hin Taane Cimsinee Of Haa Eeggannu! |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s