”Mukkii Diillaa Botoroodhaa Abbaan Biyaa ABO Dha” Jechuun Dhadachaa Qeerroon Magaalaa Jaarsoo Wallagga Keessatti Har’a Amajjii 8,2016 Diddaa Gaggeessan.

Aside

12510135_562680647217188_1903826929_o12483711_562676767217576_1512850521_n

Wallagga,Aanaa Sibuu Siree Ganda Carii Keessatti Har’a Amajjii 8,2016 FXG Itti Fufee Oole.

Aside

Godinoota Shaggar Hunda Keessatti Har’a Amajjii 8/2016 FXG Itti Fufee Jira.‏

Aside

Oromiyaa guututti FXG Amajii 1,2016 irraa kaasee baadiyaa fi magaalaa, dhaabbata barnootaa fi amantaallee dabalachuun itti fufeera.
Haaluma kanaan har’a Amajii 8,2016 FXG Shaggar  godina 4nuutti itti fufee jira.
1. Shaggar  kabaatti aanaa Jaarsoo Tulluutti ganama obboroo uummanni bahee daandii cufee jira. poolisootni fi waraanni FXG kana ugguruuf ergaman irratti uummanni d agaadhan bahee magaala keessaa baasee jira. Sulultaa, Salaalee, Gabra Gurraachaa, Kuyyuu fi kkf keessatti FXG
adeemaa jiru hojjetaa mootummaa hirmaachisee, shamarran addatti qabsoo kana keessatti qooda olaanaa fudhachuudhaan gaggeessaa jiru, qonnaan bulaan waan qabuun ka’ee jira. barataan mana barumsaatti wal gahuudhaan FXG qabsiifame hamma galiisaatti kunoo hin dhaabbanne itti fufee akka jiru caasaan godina shawaa kaabaa gabaasani jiru
2. Shaggar lixaatti-kaleessa ayyaana tapha Qilleen wal qabatee uummanni Amboo fi barattootni yuuniversitii irraas bahanii dirreetti bahaniin
FXG gaggeeffame. Kanumaan korri bittinneessaa fincila kana dura dhaabbachuuf kaleessa Amajii 7/2016 guyyaa keessaa uummata bittimsuuf
yoo deemu uummanni fi dargaggoooni dhagaadhaan humnoota waraanaa achi deeman reebuun yeroo ammaa kana poolisiin fi korri bittinneessaan
reebicha uumataan miidhamee babbaqaqee hospitaala seenee akka jiru Qeeroon gabaasee jira. Osoo wal irraa hin cinneen har’as FXG shawaa
lixaa aanaalee maratti gaggeeffamaa jira.
3. Shaggar bahaa-aana Fantalleetti sa’a kana FXG uummataan gaggeeffamaa jira. tajaajiltootni geejibaa hojii dhaabuun gara FXGtti makamanii
jiru. Hojjetaan mootummas hojii dhaabuun har’a uummata waliin hiriiree jira. Daandiin konkolaataa amma akka cufamee jiru Qeerron gabaasee
jira. kaabinoonni wayyaanee fi poolisoonni uummata dura dhaabbatuun uummata irratti dhukaasa banaa jiru.
– Wayyaanen shororkeessaadha
– Oromiyaan ni bilisoomti
– Ni walaboofna
– Ni bilisoomna
– Abbaay Tshay bineensa nama nyaatuudha
– Oromiyaan kan oromooti
– Gibra hin kaffallu, wayyaanee hin gabbarru
– Ofiin of bulchina
– Sirna mootummaa abbaa irree wayyaanee ni diigna Dhadannoo har’a Fantalleetti jedhamaa oole tahuu Qeerroon gabaasee jira. Itti fufa
4. Shaggar kibbaa lixaatti manneen barnootaa guutummaan guututti cufameera. Daandiin konkolataas yeroo ammaa kanatti cufamanii
argaman. Aanaalee garagaraa godina shawaa kibba lixaa keessatti sirni Wayyaanee dhabamsiifamee ofiin of bulchuun yeroo itti gaggeeffamaa
jiruudha. FXG oromiyaa wal gahuudhaan kan iti fufuudha.

6. Ammajjii 8,2015 warraaqsii Fincila xummura Gabrummaa Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaalee) Aanaa Warraa Jaarsootti jabaachuun Itti fufe, Ganama irraa Eegaluun daandiin Konkolaataa bakkoota hidduutti cufamaa jira, Waraanni Wayyaanee uummataa gooluuf fiigaa jiruu daandii cufamee banuuf hedduu rakkachaa jiraachuu Maddeen Qeerrooo Bilisummaa Oromoo Tulluu Milkii gabaasan.

FXG Matahaaratti Amma Gaggeeffamaa Jira, Uummanni Kaabinoota, Ergamtoota Diinaa Irratti Tarkaanfii Fudhataa Jira

Aside

FXG godinaalee Oromiyaa fi naannolee biroottis akkuma itti fufetti jira.  Matahaaraatti FXG Har’a Amajii 8,2016 Bulchiinsa magaala Matahaaraa sa’a kanatti reebamee miidhaan irra gaheera.
Bulchitootni aanichaa marti uummataan reebamee jira. Manneen bulchitootaa fi waajjiraaleen mootummaa hunduu gubataa jiru.
Akka odeessi amma nu gahe ibsutti uummanni keenya ijoollee isaa waliin bahee amma mootummaan wayyaaneen nun bulchuu, barri gabrummaa
nurraa haa gahu, barataan keenya mana hidhaa keessa jiru haa gadhiifamu, dararamnee hin jiraannu mootummaan abbaa irree wayyaanee
gabroonfataadha, waraanaaf hin jilbeenfannu, jechuudhan amma dhaadannoo dhageesisaa jiru. Uummanni qe’eetti hin hafne kaabinoonni
wayyaanee uummataan reebamaa jiru kaan ammoo lubbuu isaanii baafatanii baqataa jiru. Poolisiin dhukaasa bane baqate. FXG itti fufa!

Amajjii 7/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Warraaqsaa FXG jabeessuun Guyyaa Har’aa NYaata Lagachuun Itti Fufa

Aside

Amajjii 7/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Warraaqsaa FXG jabeessuun Guyyaa Har’aa NYaata Lagachuun IttiFufan. Diinaan Ajjechaan Jumlaa, Ukkamsaan Hidhaa fi Hiraarsii fi Waraannii Uummata keenyaa Mirga keenyaaf falmachaa jirruu irratti labsamee utuu nurratti rawwatamaa jiruu Ayyaaneffachuu, Nyaachuu fi Dhuguuf Sammuun keenyaa Nuuf Hin Eenyaamne, Bilisa Taanee Dhalannee Bilisummatti jirrachuu haqatnee guyyaa ajjeefamaa, hidhamaa fi gaaffii keenyaa deebiin dhibee ukkamsaan nurratti raawwatamaa waan jiruuf Guutummaatti nyaata dhaabnee mirga keenyaaf falmannee Wareegamuuf murtii gonee jechuun diddaa isaanii itti fufan.

Walleelee Qeerroo Bilisummaa Amajjii 2016 Gadhiifaman.

Aside

Ethiopia: People in Addis Ababa are scared, living under ‘martial law’, says opposition

Aside

Ethiopian migrants, all members of the Oromo community of Ethiopia living in Malta, protest against the Ethiopian regime in Vall Reuters/D Zammit

Ethiopian migrants, all members of the Oromo community of Ethiopia living in Malta, protest against the Ethiopian regime in Vall Reuters/D Zammit

At least 150 people have been killed in an ongoing deadly crackdown against protests in Ethiopia, according to rights activists and opposition groups. Demonstrators in the Oromia region have been protesting for the past six weeks against the government’s plans to extend the boundaries of the capital Addis Ababa.

“I am worried,” says Eyasped Tesfaye, a member of the opposition Blue Party, saying it is taboo to talk about the reported 150 people allegedly killed by Ethiopian security forces in the capital. “The people in the Oromia region are under martial law,” he adds. Read More:- http://www.english.rfi.fr/africa/20160106-ethiopia-people-addis-ababa-are-scared-living-under-martial-law-says-opposition

Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsq FXG jabeessuun Guutummaatti Nyaata Lagachuun itti fufan‏

Aside

Amajjii 7/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Warraaqsaa FXG jabeessuun Guyyaa har’aa nyaata lagachuun itti
fufan Goototni ilmaan Gootaa Barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa mirgi keenyaa sarbamee; ajjeefamaa hidhamaa fi ukkanfamaa jirra . Gaaffii mirgaa karaa Nagaa gaafanneef yakkii ulfaata dhala nama irratti hin dalagamne Uummata Oromoo irratti Mootummaa EPRDF nurratti rawwatamaa jiruu Haala sheen iyyuu Sochiin Keenya Duubatti deebisuu hin danda’uu jechuun utuu Haala kanaan jirruu hiree ayyaanaa gannaa nyaanee dhugnee dabarsinuu hin qabnuu jechuun Guyyaa har’aa guutummatti nyaata Lagachuun uffata guddaa uffachuun Mormii isaanii jabeessuun itti fufan.

Baha Oromiyaa Daaroo Labuu Ganda Xuxis Jedhamu Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Ummataa fi Dargaggootaan Itti Fufee Jira.

Aside

Amajjii 7,2016 Godina Harargee Lixaa Magaalaa Asaboot Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Oole.

Aside