Godina Salaallee Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufe, Mootummaan garboomsaa Dhiphina Ulfaataa Seenee jira.

Aside

Amajjii 24/2016 Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaaleetti) Warraaqsii FXG daran jabaachuun Itti fufe , Uummatni Aanoota  Hidhabuu Abootee,  Dagam, Sulultaa, Mukaa Xurii , Diddaan uummataa jabaachuun itti Fufuun Qeerroon Dargaggootn Salaalee  gamtaan wallee Warraaqsaa fi dhaadannoo dHageesisuun ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun kanaan booda Oromiyaa TPLF/EPRDF FI OPDO ergamtuun wayyaanee hin bulchitu Ofiin of bulchina jechuun murtii dabarfatan. Uummatnis Walii galee kanfaltii gibraa fi buusiiwwaan galii mootummaa abbaa irree wayyaanee bifa kamin iyyuu akka hin kanfallee murtii dabarfachuun , warraaqsaa jabeessuun itti fufuu madden keenya gabaasaan,  Akkasumas Dandiiwwaan bakkoota hedduutti uummataan Cufamee loltootni wayyaanee banuuf rakkachaa jiraachuu fi haalaa nuffisiisaa sochii uummataa karaa nagaa gaggeeffamuu irratti mootummaan wayyaanee waraana ajajuun adeemsii kun kan wal hin madaallee waan ta’eef uummataa harkaa meeshaa tokko iyyuu hin qabnee  irraatti dhukaasuun nu nuffisiisee jechuun loltootni wayyaanee psychologically dhiphinaa fi Of jibbaa jiraachuu ibsatan.

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Aanaawwaan Amboo Jiran Keessatti Xumura Mootummaa Wayyaaneetti Gochuuf Jecha Diddaan Ummataa Haalaan Jabaachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Amajjii 24,2016  Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi aanaawwaan Amboo jiranitti Warraaqsii FXG haalaan jabeessuun Uummatni fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Waraanaa nurratti labsee lafarraa nu fixaa jiruu jalatti hin bullu, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffanneef deebiin nuuf haa kennamu, Mirgi namummaa fi Dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsii Magaalaa finfinnee Master Pilaanii Finfinnee Labsiin haquu qaba, Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO Waraana nurratti Labsee Labsii nurraa kaasuu qaba yoo kaasuu baatees Wareegama Qaalii baasuun of irraa kaasuuf qophiidha jechuun murtii dhumaa dabarfachuu ibsatanii Warraaqsii itti fufe jira. Qabxiilee armaan gadii kunis yeroo amma kanatti bakka hundatti utuu wal irraa hin citiin kan fudhatamuu qabanii fi fudhataam jiran ta’uu ibsan.

1.       Qonaan Bultootni, daldaltootnii fi qaamni hawaasa marti kanfaltii gibiraa  mootummaa  saamichaa irratto bobbaa jiruu  fi yakkama kanatti akka hin kaffallee ibsatan.

2.       Walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan abbaa irree waraanaan bulaa jiru kun godhuu akka hin hirmannee murtii fudhatan.

3.       Mootummaan Wayyaanee atattamaan aangoo gadhiisee yakka ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti rawwateef akka itti  nuuf gaafatamu ,

4.       Ilmaan Oromoo wareegamaniif itti gaafatamuu qaba, gumaas kanfaluu qaba,

5.       Daandiin Konkolaataa kan Waraannii wayyaanee irraa fiiguun qe’ee keenyaatti nu dararaa jiruu daraan jabeessuun cufuun falmaa hadhaawaa jabeessuuf murtii fudhanne jirra.

6.       Hidhamtootni siyaasaa Oromoo hundii ataattamaan akka hiikaman.

7.       Mootummaan Cee’umsaa yeroon akka hundeeffamuu fi Mirgootni namummaa fi dimookiraasii hanga nuuf kabajamuutti falmachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun uummatni Oromoo Aanaa Amboo fi nannaawaa Magaalaa Ambootti argamaan Murtii ulfaataa fi ijibbachisaa fudhachuutti akka seenaan labsataniru.

Haaluma kanaan Aanaa Amboo gandootaa baadiyyaa fi magaalaa keessatti Uummatni kanfaltii gibiraa guutummaan guutuutti dhaabuun, mootummaa Wayyaanee humnaan dirqamsiisuu barbaaduu dura dhaabbachuun falmaa isaa itti fufee jira, dabbaalloota gandaa ergama wayyaanee sodaatanii galmaan ga’uuf fiigan illee uummatni akeekkachiisuun bakkeewwaan muraasatti immoo wajjiraalee gandaa irratti diiguun uummatni tarkaanfii kamiif iyyuu qophaa’aa ta’uu argisiisee jira. Haaluma kanaan Aanaa Amboo Gandoota akka Waddeessaa bakka ilmaan Oromoo bara baraan Wayyaaneedhaan Wareegamtu, Haroo Xiroo, Galaan, Xullee ,fi Cittuu  keessatti Uummatni guutummaati Sirna Abbaa irree jalatti hin bulluu jechuun murtii olitti dabarfatan hojiirra olfachuu isaanii mirkaneessuun yeroo amma ofiin wal bulchaa jiraachuu fi wareegama loltoota wayyaaneen issaan irratti fudhatamaa jiruu, Amajjii 20/2016 irraa eegaluun bifa adda ta’een jala dhaabbachaa jiru.

Godina Shaggar Lixaa Ona Waddeessaa Keessatti Walitti Bu’iinis Qonnaan Bultootaa fi Waraana Wayyaanee Jidduu Jabaachaa Jira.

Aside

Amajjii 24/2015
Gabaasa Shaggar Lixaa ona Waddeessaa irraa nu qaqqabeen guyyaa sadiif jechuun torban kana keessa dhukaasni uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti taasifameen humna waraana Wayyaanee keessaa namni 4 kan du’a yoo tahu hedduun madeeffamuun kan gabaafame yoommu tahu qonnaan bulaa keessaa namni 2 du’uunis Qeerroon gabaasee jira.
Har’a odeessi Qeerroo garasii nu qaqqabeen dargaggooni ona kana gadhiisanii jiru, akkasuma qonnaan bultootni tokko tokkos naannicha
gadhiisuun naannoo biraatti godaanananii jiru jedhu kunis waraana Wayyaane humni guddaan gara sanatti guuramaa waan jiruuf haalli jiru
jabaata tahuu irraan dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisaa akka jiran gabaafamee jira.
Haaluma kanan barattootni yuuniversitii 14 maqaan isaani maxxanfamee jiru waraana Wayyaaneen kanneen barbaadamaa jiraniidha. Maqaa
barattoota lukkuulee diinaan barbaadamaa jiranii gabaasa keenya eengaddaa irratti ifa ta’ee jira.

Jiraattooti Naannoo Harmaayaa Mudde 15,2015 FDG Bahaniin Qofa Hedduun Hidhaa Galanii Hanga Ammaatti Darararaan Guddaa Irraan Gahamaa Jiraachuu Qeerroon Beeksise.

Aside

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Amajjii 24,2016 ,Hiiriira FDG Mudde 15,2015  magaalaa Haramaayaattii gaggeeyfame irrratti hirmaattan ja’amanii qabamuun hanga har’aatti murtii takkaan maletti buufata poolisii magaalaa Haramaayaa fi mana hidhaa Addeellee keessatti dararamaa jiran keessaa muraasaa fi haalaan kanneen miidhaman hammi tokko:-

  1. Booranaa Yuusuf
  2. Malkaa Sheekhaa
  3. Iskender Duurrii
  4. Magarsaa Abdii
  5. Joonii Mahammed
  6. Laziiztuu Mahammed
  7. Nuuruu Mahammed
  8. Kadiiree Aliyyii
  9. Illuu Yaassiin
  10. Iskoorlee Yuusufii
  11. Abaasee Saalih
  12. Abaasee Mahammed
  13. Zakkii Muummee
  14. Caalaa Baker
  15. Iskender Uttoo
  16. Faamii Yoonis
  17. Obsaa Mahdii
  18. Ramadaan Abdullaahi
  19. Magarsaa Qondo haadha manaa isaa, jaartii obboleessa isaa waliin
  20. Abraahim Bakaroo, haadha mana isaa, ilma isaa,Intala isaa
  21. Nuuraddiin
  22. Mahbuub Xahaa
  23. Nasraa nama jedhamtuu

fii kanneen maqaan hin beekkaminiis hedduudha hidhaa keesatti rakkachaa jira.

FXG Wallagga Yuunibarsiitii Keessatti Bifa Haaraan Egale

Aside

Amajji 24,2016
Wallaggaa UniDararuuf giddirsuun dhaloota qubee akka mirgaaf hin falmanne gochuu hin danda’u.kanas kan dhageenyurra kan arginu nii mirkaneessa
Sa’atiin ammaa kanatti FXG WU keessaa banbanaa jira Dhukaasa gurguddaan dhaga’amaa jira.kunoo sa’atiuma kanayyu dhukaasa
dhuka’a jiru dhaga’an jira. Haaluma kanaan bor manneen barnoota fi Kollejjiwwan dhuunfaa magaalaa Naqamtee akka itti fufan irbuu walii galanii turan bifa milkaa’ina qabuun akka itti fufan dubbatamaa jira