Inimmaan Ummata Oromoo, galaana ta’uun, mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa/Wayyaanee dhiquun Oromiyaa keessaa baasee ummata oromoof: bilisummaa, nagaa fi gammachuu akka argamsiisu shakkiin tokko illee hin jiru.

Aside

Immimaan Ummata Oromoo lafatti hin hafuuDhumaa jaarraa 19ffaatti, yeroo gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufe irraa eegalee,biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti: bilisummaa,nagaa fi gammachuun jiraatuuf mirga seeraanis ta’e uumaan qabu sarbamee ummatni Oromoo inimmaan  osoo irraa hin qoorre hanga har’aa jiraataa jira. Bara Minilik Oromiyaa weeraree ummata Oromoo miliyoona shan fixe; hedduu ammo harkaa fi harma muree fafeesse, Oromoon miliyoonni shan gadi hafee kanneen dhumaniif inimaan buusee kan dhiise qofa osoo hin taane, inimmaan isaa guyyaa tokko gabroomfataa dhiqee Oromiyaa keessaa akka baasu osuma inimmaan buusuu illee raagaa tureera. “Guyyaa itti diinni biyya keenya irraa buqqa’ee ilmaan keenya nagayaa fi gammachuun keessa jiraatan ni dhufa” jechuun kan Roobaa Bultum raage, Minilik ummata Oromoo miliyoona shanii, kan harki 70 dardaraa fi shamarrani eerga fixee booda. Kan yeroo san Roobaa Bultum raage, ummata Oromoo shanyi duguuginsa  irraa hafaniif ;akeeka ittiin qajeelfaman, hawwii fi abdii bilisummaa ta’ee hanga har’aatti itti fufee jira.

Dhumaatii Oromoota miliyoona shaniif, inimmaan Oromoon yeroosi buuse fi garaan yeroos madaawe: sabboontota, qabsaawota fi gootota Oromoo hedduu Oromoof waan dhalcheef, akeeka Roobaa Bultum hojiitti fasaruuf sochiin itti fufe. Jilchee fi sodaachisee bituuf, Minilik ummata Oromoo miliyoona shan yoo duguuge illee, ilmaan Oromoo dhumaatii irraa hafan inimmaan isaanii haqatanii, haaluu bahuuf murteeffatan, biyyaa bortaan/ afaan qawweetin saamaman afaan qawweetiin deebifachuuf falmaa ittii fufanii mootummoota Haayile Sillaasee fi Dargii aangoo irraa folqolchuu  keessatti qooda olaanaa qabaataniiru.

Inimmaan ummatni Oromoo bara Minilik fi Haayile Sillaasee buuse, kufaatii Haayil Sillaaee kan fide ogguu ta’u, inimmaan ummatni Oromoo bara Dargii buuse fi garaan isaa gubate ammoo aarii fi haaloo cimaa keessatti dhalchee ummata kana qabsoof kakaasuun kufaatii Dargiif sababa guddaa kan ta’e qofa osoo hin taane, waraanni Dargii, Ardii Afriikaa keessatti tokkooffaa ture yeroo gabaabaa keessatti baqee akka dhabamu godheera.

Har’aan tana, guutuu Oromiyaa keessatti, iji ummata Oromoo inimmaan roobsuun diimatee fi garaan isaa illee gubatee onneen gar-malee bokoktee aariin guuttee jirti. Har’aan tana, guutuu Oromiyaa keessatti, dhiigi ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruu fi ummati Oromoo akka sareetti qeyee isaa irratti ajjeeffamaa jiru  haaloo/gadoo hamaa ummata Oromoo keessatti uumee jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaa, nagaa fi gammaachuu kan  isa dhorkate Mootummaa Gabroomfataa Ixoophiyaa/Wayyaanee akka ta’e gaarii godhee hubatee jira. Inimmaan ummata Oromoo: fincila Raayyaa fi Daawwee, Fincila Baalee, Gaaffii bilisummaa Oromooti: Dhihaa, Bahaa fi Walakeessaa gaafatan, fi  Waldaa Maccaa fi Tuulumaa, biqilchee kufaatii Haayile Sillaaseen ogguu xumuramu; gadda isa mudateen, inimmaan iji ummata Oromoo bara Dargi roobse fi garaan  gubate ammoo Adda Bilisummaa Oromoo dhalchee mootummaa Dargii   kuffisuu irratti qooda olaanaa akka taphate, gochaa: faashistummaa, shanyi duguuginsaa fi saamichaa har’aan tana mootummaan Ixoophiyaa/ Wayyaanee: daa’imman, ijoollee egeree Oromiyaa ta’an, jaarsaa fi dubartii ulfaa fi qabeenyaa Oromiyaa irratti raawwaata jiruun  inimmaan guutuu Oromiyaa keesstti ija ummata Oromoo keessaa roobaa jiru,  qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa kan Addi Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru kan cimsee itti fufsiisu qofa osoo hin taane, galaana ta’ee  mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa/wayyaanee Oromiyaa keessaa dhiqee baasuun, ummata Oromoof: bilisummaa, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuu akka argamsiisu shakkiin hin jiru.

Leelloo Sabaa. 13/1/2016

 

 

TV Gaaddisa Dhugaa Amajji 13, 2016

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 13. 2016

Aside

Previous messageNext messageBack to messages Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Haalaan Jabachuun Mooraa Main Campus keessatti itti fufe

Aside

Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Haalaan Jabachuun Mooraa Main Campus keessatti haalaan itti fufe, Waraannii Wayyaanee Dhukaasaa guddaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Banuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa dirree Waraanaa fakkeesse jira,

  Waraannis Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti olguuramuun Doormii barattoota illee cabsuun seenuun barattoota Oromoo goolaa jiraachuun ibsame jira  Mooraan Yuunibarsiitiin Jimmaa  Waraanatti jijjiramee fakkata Dhukaasni wal irraa hin citiiin loltoota wayyaaneen Dhukaafama jira. Gabaasaan itti fufa…

      Mootummaan Naannoo Oromiyaa OPDO’n  Ibsa haqamuu Master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaaloota oromiyaa erga karaa TV Oromiyaa dabarste irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti Warraaqsii FXG ‘’ daran jabachuun itti fufuun Mootummaan gaaffii dhugaa fi Mirgaa utuu gaafachaa jirruu, Waraana  Oromiyaa irratti Labsuun Yakki Duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kanaaf aangawootni biyyatti bulchaa jiran aangoo uummataaf gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuu qabu,  OPDO’n  kaleessa torbee sadii dura Midiatti bahuun Mootummaa EPRDF waliin ta’uun Uummata Oromoo irratti waraana labsuun yakka Duguuginsa sanyii rawwachuun, har’a  immoo media kaleessa ittin Waraana Labseen  ‘’Maaster Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa kaafameera, Dogoggora keenya  ta’uu hubanneerra, jechuun uummatatti dhiigaa uummataa fi lubbuu uummataatti qoosuun, dhiiga uummata Oromoon harka dhiqachaa dubbachuun hedduu nama gaddisiisa.qoosaan kun daranuu  uummata  dheekkamsiisuun FDGtto uubbata bakka hundaa kan jabeesse jirudha.

  Ergamtuun wayyaanee Gaaffiin Uummataa Erga sirrii fi ifa ta’uu hubattee Waa’ee uummata Oromoo 50,000 olitti lakka’amuu hidhatti guuramee jiruu fi kanneen kumootaan lakka’amani wareegamanii fi Madoo ta’anii tarkaanfiin fudhatamaa jiru daranuu Hidhaafi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuutu muldhata, Kanaafuu uummatni Oromoo falmaa keenyaa irraa duubatti hin deebinu jechuun Warraaqsii FXG daran jabaachuun bakka hundatti itti fufee jira.

Amajjii 13/2016 Warraaqsi FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Haalaan Jabachuun galgala kana itti fufe,

Aside

Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Haalaan Jabachuun galgala kana itti fufe, Doormiin Barattootni Oromoo itti heddumatan Doormiin maqaa Twins K jedhamuun Beekamu ibiddaan Gubate, Barattootni sadii(3) Wareegaman, Mooraan Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Dirreewaan Waraanatti jijjiramee fakkata Dhukaasni wal irraa hin citiiin loltoota wayyaaneen Dhukaafama jira. Gabaasaan itti fufa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa OPDOn Ibsa haqamuu Master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaaloota oromiyaa erga karaa TV Oromiyaa dabarste irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti Warraaqsii FXG daran jabachuun itti fufuun Mootummaan gaaffii dhugaa fi Mirgaa utuu gaafachaa jirruu, Waraana Oromiyaa irratti Labsuun Yakki Duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kanaaf aangawootni biyyatti bulchaa jiran aangoo uummataaf gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuu qabu, OPDOn kaleessa torbee sadii dura Midiatti bahuun Mootummaa EPRDF waliin tauun Uummata Oromoo irratti waraana labsuun yakka Duguuginsa sanyii rawwachuun, hara immoo media kaleessa ittin Waraana Labseen Maaster Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa kaafameera, Dogoggora keenya tauu hubanneerra, jechuun uummatatti dhiigaa uummataa fi lubbuu uummataatti qoosuun, dhiiga uummata Oromoon harka dhiqachaa dubbachuun hedduu nama gaddisiisa.qoosaan kun daranuu uummata dheekkamsiisuun FDGtto uubbata bakka hundaa kan jabeesse jirudha.

Ergamtooti Wayyaanee Gaaffiin Uummataa Erga sirrii fi ifa tauu hubattee Waaee uummata Oromoo 50,000 olitti lakkaamuu hidhatti guuramee jiruu fi kanneen kumootaan lakkaamani wareegamanii fi Madoo taanii tarkaanfiin fudhatamaa jiru daranuu Hidhaafi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuutu muldhata, Kanaafuu uummatni Oromoo falmaa keenyaa irraa duubatti hin deebinu jechuun Warraaqsii FXG daran jabaachuun bakka hundatti itti fufee jira.

Mootummaan Wayyaanee Hojjettoota sabboontota ta’aan adamsee ajjeessuu fi Ukkaamsee gara dabarsuun ilmaan Oromoo irratti Yakka Suukaneessaa tarkaanfii duguuginsa sanyii(Genocide) fudhachuu jabeessuun itti fufe jira.

Aside

Amajjii gaafa 12,2016 Godina lixa Shaggariitti Dargaggoon Sabboonaan Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu Nagarii Hojjetaa Wajjiira Qonnaa Aanaa Noonnoo Araddaa Silkaanbaa jedhamurratti ramadamee hojjechaa kan ture Tarkaanfii Waraanni Wayyaanee halkan irratti fudhateen rasaasan rukutame Wareegamuun bakkeetti Reeffi isaa kan gatame guyyaa har’aa Amajjii 13/2016 Reeffii isa Gara Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii bakka dhaloota isaa Ganda Baaroo Bidaaruutti wayita galfamaa jiruutti Daandiin Geedoo Hanga Aanaa Midaa Qanyiitti Uummataan kan Cufamee ta’uun Uummatni dargaggoo Sabboonaa Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu arii fi dheekkamsaa guddaan guutamee kan simate yoo ta’uu Waraanni Wayyaanee Yeroo kana Konkolaataa hedduun Fe’amee gara Aanaa Midaa Qanyii geeffamaa jira. Sabboonaan Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu yeroo aanaa Midaa Qanyii M/B Baallammii Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inatti barachaa turee Wajjira poolisii aanaa Midaa qanyiitti hidhamaa fi Reebamaa kan ture, Warraaqsaa FDG barattoota Oromoo keessatti dirqama Oromummaa isaa bahaa nama turee fi mirga uummata Oromoo kabachiisuuf carraaqii barattootni Oromoo godhan kabajamuu mirga abbaa biyyummaa, mirga dimookiraasii fi namummaa uummataa Oromoo kabachiisuuf arsaa kanfalaa kan ture ta’uun beekamadha.
Sirni Awwaalcha sabboonaa Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu Ganda dhaloota isaa Ganda Baaroo Bidaaruu Keessatti guyyaa boruu Amajjii 14/2016 Kan rawwatu waan ta’eef Dargaggootni Barattootni fi hojjettootni gara kanatti Imalaa jiraachuun Diddaan uummataas bakka hundatti jabaatee itti fufaa jira.

OPDOn Bakka Nu Hin Buutu,Bilisummaa Barbaadna” Jedhu Gootota Barattoota Oromoo Yuniverstii Amboo Damee Awaaro Amajjii 13,2016

Aside