Amajjii 2,2016 JIMMA
Mootummaan shororkeessaa Itiyophiyaa (Wayyaanee)n har’as akkuma bare Oromoota FDG irratti miidhamanii mana yaala galan hiriyoonnis ta’e maatiin isaanii akka deemani hin gaafanne dhorkaa jira. Kanumaan wal qabatee “barattoota Yunibarsiiti Jimmaa mooraa Kitoo Furdisaatti kanneen Amajji 10,2016 Bonbiin haleele mana yaala ciisaa jiran hiriyoonnisaani akka deemani hin dubbifneef dhorka jira” jedhu kannen dubbisuuf deemani dhorkaman.akkasumas kanne hidhamani jirani deemani dubbisuu sodaa guddaa keessa nu galcheera jedhu.
Daily Archives: January 12, 2016
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 11, 2016
Aside
Dhaamsa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif, Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa
Aside
Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif
Haa ga’u dhaamsi keenya, jaallan qabsoo bilisummaa, miseensota waldaa dubartoota Oromoo biyya UK fi ilmaan Oromoo biyya keessan keessa bilisummaadhaan jiraachuu dadhabdanii biyya ormaa jiraattan hunda. Oduu hiriira nagaa gaafa Amajji 5, 2016 biyya UK-tti geggeessitanii fi Amajji 5 hanga 7, 2016tti qorra gannaa (winter) nama goggogsu keessa buluudhaan nu ilmaan keessan rasaasa mootummaa fashistii Wayyaanee dura dhaabannee falmaa hadhaawaa geggeessaa jirru faana dhaabbachuu keessan yammuu dhageenyu imimmaan gammachuu fi gaddaan walmakaa tu hudhee nu qabe. Hangamuu dararaan nutti baay’atu, hangamuu nutti roorrifamu, yammuu lammiin keenya biyya ambaa akkasitti kutatee wareegama fedhe kafalee mrannoodhaan nu faana dhaabatee falmuu isaa yammuu dhageenyu gammachuu keenya dachaa taasisa. Karaa biraatiin, nu warri biyya dictaatarummaan keessatti dagaage akka empaayera Itoophiyaa keessa jiraannu, akka keesanitti balbala Muummicha Ministeeraa taa’aa buluun hafnaan, mana barnootaa keenya keessallee teenyee sa’atii tokkoof mormii dhageessisuun, yookiin mallattoo mormii bifa kamiinuu muli’suun kan wareegama lubbuu nu gaafatu ta’uu yammuu yaadannu, gadda kana hin jedhamneen guutamna.
Jaallan lammii keenya biyya ambaa jiraattan,
Nu ilmaan keessan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa irraa hanga dhaabbata ol’aanaa keessa jirru jiruuf jireenyi nutti hadhaawee jira. Biyyuma abbaa keenyaa irratti alagaa biyya keenya weeraree qabateen dararamaa jirra. Nagaadhaan manaa baanee galuun hafnaan, manuma keenya keessa jiraachuu hin dandeenye. Kana caalaatti kan nagaa nu dhowwaa jiru ammoo biyyi keenya gurguramaa waan jirtuuf qalbii ittiin teenyee barannu dhabne. Biyya hin qabnu taanaan barachuunis hiikaa nuuf dhabe. Biyya baratanii hojii argachuudhaaf ergamaa diinaa ta’anii, sammuu ofii fi saba ofii gurguruun dirqama namatti ta’etti barachuun gatii maalii qaba? Kanaaf jennee, diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhaabbannee falamachuudhaaf murteeffanne. Xalayaa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK
Dhaamsa addaa Amajjiin tokko, Saba Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaaf qabu.
Aside
Leelloo Sabaatiin
Oromiyaa fi firoottan isii biratti, Amajjiin tokko, guyyaa gammachuu dacha ti. Guyyaan kun, guyyaa ganna dullacha keessaa gara ganna ykn waggaa haarayaatti itti tarkaanfatan qofa osoo hin taane, guyyaa Waraana Bilisummaa Orommoo (WBO) ti. Amajjiin tokko, guyyaa WBO akka ta’u hoogganni ABO (Addi Bilisummaa Oromoo) murteessee kabajamuun kan eegale bara 1980 irratti.
Barooti 1980 dura turan, baroota itti WBO’n haala akkaan rakkisaa fi wal-xaxaa keessa seenee of jiraachiisuuf qormaatni hamaan itti isa mudate ture. Barooti kun, bara WBO’n duubaan waraana weerartuu Ziyaad Baareetiin; fuulduraan ammo, waraana weerartuu Ixoophiyaa Dargiin hoogganamuun marfama keessa seene oggaa ta’u, keessaan ammo, bara itti foxxooqiinsi fi jeeqamsi keessaa itti isa mudate ture. Humni WBO oggus qacalee haa turu malee, taankiii fi xiyyaaraan duubaa fi duraan duula Dargii fii Ziyaad Baarreen irratti banamee fi foxxoqiinsa keessaan isa mudate hunda injifatnoon irra aanee jireenya isaa waan mirkaneesseef Amajjiin tokko, barri 1980, guyyaa WBO ta’ee labsamee guyyaa san irraa eegalee waggaa waggaan kan kabajamuu dha.
Marfama duraa fi duubaan isa mudate, akkasumas, foxxoqiinsa keessaa hunda cicciree dhabama irraa of oolchuun injifatnoon waggaa haaraa Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO’f meeshaa guddaa ta’an keessaa: jaalala ABO fi Oromiyaa,jaalala hooggana ABO, of keniinsa, cichoomina ykn amanamummaa kaayyoo, sabaa fi of irratti abdachuu, obsa, muratnoo,naamusa, tokkummaa, gootummaa fi wareegama baasuuf fedha qabaachuu dha. Qacalummaa isaatti WBO bal’eessuuf kan diinni duraa fi duubaan, akkasumas, keessaan irratti karoorfate hunda irra aanee jireenya isaa fi kaayyoo walabummaa Oromiyaa tiksuun Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO gargaaran, amaloota warraaqsaa akka sibiilaa jabaatu fi haallen kamuu keessatti hin raafamne kana qabaachuu isaa ti. Waan kana ta’eef, Amajjiin tokko, amaloota kanneen akka: jaalala Oromiyaa, Oromiyaaf wareegama baasuu, ummata ofii fi kaaayoo isaaf amanamummaa qabaachuu, muratnoo, of keniinsa, gootummaa, hooggana ofii jala deemuu fi rakkoo keessatti obsa qabaachuun rakkoo kamuu keessa nama baasuu kan danda’u ta’uu guyyaa itti :kabajnu, wal yaadachiifnu fi amaloota kana hin qabnu yoo ta’e horatuuf itti murtii fudhanuu dha.Dhaamsa addaa Amajjiin tokko
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 11 January 2016
Aside
Amajjii 11,2016 Yuniverstiilee Haromaayaa fi Jimmaa Keessatti Wareegamii fi Madoo Warraaqsaa Ta’uun Barattooti Oromoo Arsaa Guddaa Saba Isaaniif Kafalaa Jiru.
Aside




Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Keessatti FXG Itti Fufee Waan Jiruuf Barsisotiin Oromoo Waraana Wayyaaneen Adamfamaa Jiru, Manneen Ummataas Caccabuun Loltootaan Saamame.
Aside
Amajjii 11,2016 Horroo Gudruu magaalaa Haratoo keessatti FXG haalaan hammaatee itti jiruun wal qabatee manneen barnootaa cufamuu irra darbee barsiisoti Oromoota ta’an isintu diddaa uummataa qindeessa jedhamanii waraanaa fi poolisoota Wayyaaneen adamfamaa jiru, isaan keessaa gariin kan sirna mootummichaa jalaa miliqanii jiranii fi kanneen barbaadaman.
1. Taajuddiin Hashiim (English teacher) preparatory school
2. Abdannaa Alamaayyoo (physics teacher) kutaa 10 ffa irraa
3. Baddiluu (civics teacher) preparatory school,
4. Abbayyaa Hammagahuu (history teacher) kutaa 8ffaa irraa.
Karaa biraa manneen jiraattota magaalaa Haratoo Agaazii fi Poolisii dhaan caccabeera. Caccabsanii eega seenaniis gaaffii tokko malee reebamaniiru.
Amajjii 6,2016 ammoo Godina Horroo Guduruutti barattootni mana barumsaa Waldoo ( elementary school) mormii dhageessisuun barumsa kan dhaaban haga har’aattis hinbaranne. Achuma Horroo Guduruu Aanaa Dongorotti dubartoota gabaa dhaqanii fi galan waraqaa eenyummaa fidaa jechuun rakkisan hidhaatti illee naqan jedhama.
Gootonni Oromoo Baha Oromiyaa FXGItti Fufan, Wayyaaneen Humnaa Ol Itti Tahee Waraana Isaa Dabalataa Gara Sanatti Guuraa Jira.
Aside
Har’a Amajjii 11,2016
Baha Oromiyatti FXG haalan jabaate itti fufeera. Deemsi FXG deemaa jiru kun cehumsa gara Bilisummaa tahuun shakkii kan hin qabnedha. FXG har’aa kana dura dhaabbatuuf mootummaan wayyaanee meeshalee gurguddaadhan waraana isaa sochoosee garagodinaalee garagaraa kannen akka Harargeetti bobbaasee jira Kaabineewwan gadndoota keeysatti uummata gooluuf bobbaasee jira.
-Milishaa fi poolisin naannoo magaalota keeysa socho’aa jiran yoo tahu bakka dhoksaa dhoksaatti uumatan haleelamaa jiru. Wayyanen FXG kana dura dhaabbatuuf sochii waraanaa daran jabeese jira. Gocha gara jabdummaas raawwataa jira. Hanga ammaatti yuuniversiti Haromayyaatti barataan 5 ol du’uun gabaafameera.
Harargee keeysatti FXG har’a kun daa’imallee kan hin qoodne mancaa fi dulaadhaan ka’ee waraana dura dhaabbatee jira.
Yuuniversitile biroo kanneen akka Jimmaa keeysatti barattota midhuuf waanni diinaan hin godhamin hin jiru. sadarkaa Boombiin barattoota irratti
darbatamuu gahee jira. Hidhaanis akkuma amala mootumama wayyaanee irraa ibsu kanatti uummata oromoo irratti jabaatee jira. Fincilli eegale
bilisummaadhaan deebi’a.
