SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 9, 2017
Aside
JIITUU GADAATIIN
Mootoleen habashaa bara dhufaa darbaa ilmaan oromoo gidirsuu fi dararsuu hojii idilee godhatanii jiru. Jaarraa tokkoo oliif oromoon gita bittaa warra habashaa jalatti kan kufee jiru garu nama rakkina kufaatii isaa dubbatu dhabee osoo hin taane; qaamni furmaata barbaadu dhibeeti; kanneen jiranis tokkummaa dhabaniiti.
Oromootni diinaaf ergamanii oromootti diina ta’an tokko tokko yeroo garaagaraatti haala hin eegamneen yeroo isaan quuqama sabaa dubbatan argaa turre, har’allee argaa jirra. Jarreen quuqqaa sabaa dubbatan kunneen sabaaf quuqamaniitii kan jedhu yoo ilaalle garuu hedduun isaanii dubbachuu waan qabaniif qofa ykn ergamni dubbachuu waan itti kennameef qofa dubbatu. Madaa uummataa tuqatanii kulkulfachiisanii, uummata nagaa dhowwatanii ofii galanii nagaan rafu. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle bara 2014 maasterpilaaniin finfinnee akka hin raggaane, nutis ni mormina jechuun uummata waliin waan dhaabbatan fakkeessaa kan turan miseensota opdo hedduudha. Bara sana ergamtichi diinaa minaasee waldagoorgis ykn abbaa duulaa gammadaa uummatni hin barbaadu taanaan hatattamaan dhaabbata jedhee arraba isaatiin waan mi’aawu, lafa madaa sabaa tuqee dubbatee ture. Haata’u malee maasterpilaaniin finfinnee haala kamiin dhaabbate akkka jedhamne garuu namuu quba qaba. Afaaniin dubbachuun ergamtoota tplf kan ta’an opdo bu’aa buuse tokkollee hin qabu. Aarsaa uummanni oromoo waliin ka’ee, waliin duulee, waliin wareegameen dhaabbate. Continue reading
Bitootessa 9,2017/Uumata Orommoo naannoo Matakkal akka Oromiyaa jalatti deebi’uuf jettanii gaaffii kaaftaniittu sababa jedhuun Oromoota dhalootaan Matakkal ta’an qabamanii guyyaa har’aa mana hidhaa Ma’ikelaawwiitti guuramaa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Har’a Bitootessa 9,2017 heddummina Oromota Matakkal qabamanii Finfiinnee nama hidhaa Ma’ikelaawwiitti geeffamaa akka jiran beekame.
Kanneen keessaa:-
Kanneen jedhaman garii yeroo ta’an hedduun isaanii gabaasa boodaan akka dhaqabsiifamu Qeerroon gabaase.
Haala kana irraa kan ka’u dargaggoonni nannichaa hedduminaan baqatanii yeroo ammaa bosona keessatti diddaa Wayyaanee muldhisaa akka jiranii fi gara qabsoo hidhannootti of gurmeessaa akka jiran beekame. Continue reading