
Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Qophaa’inaa Amboo fi Mana Barumsaa FiiwucheeriJeneerashinii Amboo Guyyaa har’aa Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa FXG dhoosuun dhaadannoo armaan gadii dhageesisaan, Konkolaataa lukkeelee Wayyaanee hedduus dhagaan barbadeessaan.
Dhaadannoolee Qeerroon Barattootni Amboo dhageesisan :
1. Gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa kan hundeen bilisummaa fi walabummaa nuuf haa kabajamuu.
2. Dhaabni jalee Wayyaanee OPDOn warraaqsaa FXG kuftee waan jirtuuf nutti deebi’uuf tattaffiin OPDOn gootu hin milkaa’uu, dhaabni yakkamtuun kan uummata Oromoo lafarra ficisiifte OPDOn nu hin bulchitu, dhumaatii ilmaan Oromoof itti nuuf haa gaafataman.
3. Hidhamtootni ilmaan Oromoo hundii haalduree tokko malee haa hiikaman.
4. Nuti haqaaf, bilisummaa keenyaaf, walabummaa mirga keenyaa fi kabajamuu mirga dimookiraasii hanga bakkaan geenyuutti sodaa hidhaa fi du’aa falmachuu irraa duubatti hin deebinu!!
5. Waraana adda uummata oromoo bahaa Oromiyaa irratti maqaa poolisii liyuu hayilii Somaaled jedhuun wayyaaneen uummata keenyarratti banee yakki duguuginsa sanyii uummata Oromoo irra gahaa jiruuf OPDO fi mootummaan wayyaanee itti gaafatamu!!
6. Waraanaa Agaazii fi Koomandii Poostiin maqaa state of Emargency jedhuun Oromiyaa irratti bobbaafamuun uummata Oromoo hiraarsa jiran nurraa haa kaafaman dhaadannoolee jedhuu dhageesisuun Warraaqsaa finiinsuun mootummaa abbaa irree fi lukkeelee wayyaanee OPDO waan qabani gadhiisaan dhorkan.
Mootummaan wayyaaneefi ergamtuun isaa OPDOn akkuma amala isaa Waraana Koomandii Poosti fi Agaazii barattoota irratti bobbaasuun dhukaasa irratti banuufi Sagalee Sochii Warraaqsa Qeerroo barattoota Oromoo ukkamsuuf duula hidhaa fi reebicha humnaa olii geesisaa jiraachuu Qeerroon Amboo Gabaasera.
Yaa uummata Oromoo kan keessaa fi alaa jirtaan yeroon gamtaan gara qabsootti dirmannaa dhugaa kan Oromummaa fi qabsoo haqaa gootan amma jechuun hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof

