Bilisummaa fi Tokkummaa

Aside

Damee Boruu irraa 

Bilisummaa fi TokkummaaUummata tokko saba jechuu kan dandeessisu, afaan tokko, aaadaa tokko, dinagdee wal qabataa, yaadaa wal fakkataa fi dangaa biyyaa tokko qabaachuu dha. Uumatni Oromoo guddina hawwaasan saba tokkicha tahuun waan wal nuu gaafachiisu hin qabu. Yoo hiikaa sabaa irratti kan waliif gallu tahe Uummatni Oromoo saba  tokko tahuu kan  haaluu hin dandeenyu.

Sagalee tokkummaa jedhu qabatee dogongora heddutu deemaa jira. Ummatni Oromoo tokko tahuu qaba yoo jennu maal jechuu keenya?  Akka uummatni Oromoo lama sadii jiruu goone fudhachuu dhaan tokko tahu qaba jechuun sabni Oromm jira jennee isa fudhanne wajjin faaluu taha. Kanaafii  jecha keenya kana garaa uummataatti gototuu dhiifnee gara namoota dhuunfaa fi ijaarsoota deebisuu qabna.

Uummatni qabsoo bilisummaa oofaa jiru keessatti miti biyyoota bara dheeraa bilisummaa qabaatanii jiran keessatti yaada adda addaa qabaachuu irraa kan ka’e ijaarsa garaagaraa akka mul’atan ni aggarra. Ijaarsonni kun amma seera biyyaa sana wajjin faalaa hin taane nagaan taa’itaa mootummaa qabaachuu fi illee dorgomuu irraa kan isaa dhowwu hin jiru. Keessatti biyyoota Demokraasi Dhiyaa (Western Democracies) keessatti   soda tokko malee yaadaa ofii ibsachuun  rakkoo hin qabu. Biyyoota warra abbaa irreen (dictatorial) bulan keessatti yaada fi ijaarsa addaa qabaachuun rakkoo qaba. Continue reading