SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 16, 2017
Aside
Bitootessa 16,2017/ Yuunversiitii wallaggaa keessatti mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jimaataa ganamarraa kaasuudhaan hanga guyyaa gaafa sanbata guddaatti gootowwan Qeerroo mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessa jiraniif maqaa leenjii haala yeroo irratti jedhuun Wayyaaneen baratoota sosaobbaaf yaaluuf qoophii xumurtee akka jirtu ibsame. Continue reading
Leelloo Sabaan
Akka seera addunyaatti, dirqammi mootummaa tokko inni olaanaan, biyya irratti gaafatama qaba jedhamu san keessatti, lubbuu fi qabeenna ummattootaa gaaga’ama seeraan alaa irraa tiksuun nagummaan jiraatee diinagdee isaa akka guddifatuuf haala aanjaa uumuu dha. Mootummaan tokko, ogguu aangoo biyya tokko ofitti fuudhu, dirqama kana akka raawwatu heera biyyaa suni qabatee ummata duratti irbuu seenee hojii eegala. Raawwiin hojii mootummaa tokkos, lubbuu fi qabeennya ummata biyyichaa balaa irraa tiksuu irratti hagam akka hojjeteen ilaalama.
Lubbuu fi qabeenni ummata Oromiyaa, kan balaaf saaxilame, guyyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufe irraa eegaleetu. Miniliki Oromiyaa irratti duulee ogguu gabroomfatu, ummata Oromiyaa miliyoona shan lolaa fi dhukkubaan akka fixe ragaaleen seenaa hedduu dha. Dargiin illee akkasuma, qabeenna ummata Oromiyaa saamuu fi saamsisuu, akkasumas, dargaggoo Oromoo afaan qawweetiin manneetii barnootaa fi oomisha adda adda irraa walitti guuruun lola isa hin ilaaletti galchee lubbuu isaan balaaf saaxiluun aangoo irraa jiraachaa ture. Kana malees, ogguu beelli ummata Oromiyaa mudatu, callisee ilaaluun, beelaan akka dhumatan shira hojjechuun lubbuu ummata Oromoo balaaf saaxilaa kan turee dha. Mootummaan Wayyaanee/Aggaamee, ammaan tana aangoo Impaayera Ixoophiyaa harkaa qabu ammoo, ummata Oromiyaa sab-bicutti jijjiiruun gaaffii siyaasaa ummata kanaa gaaffii sab-bicuutti gadi xiqqeessuuf imaammata ifatti labsatee lubbuu fi qabeenna ummata Oromoo balaa dhabamaaf saaxilee argama. Continue reading
Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa.
Bitootessa 12,2017 bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Laaftoo iddoo kosii/balfi itti gatamu bakka Qoshee jedhamee yaamamutti jigiinsa tuullaa kosii irraa lammiileen hiyyeeyyii dhibbaa ol tahan iddoo kana bakka jireenyaa godhatan haala gaddisiisaa fi suukanneessaan lubbuu dhabaniiru. Akkanumattis dhibbatti kan lakka’aman balaa kanaan qaamaan gaaga’amaniiru. Kosii kana jalatti awwaalamanii jiraa fi du’aan isaanii kan adda hin ba’inis hedduu dha.
Lammiilee balaa kanaan miidhaman keessaa irra jireessi lammiilee ummatoota cunqurfamoo ta’uun hin falamsiisu. Kanneen dhumiinsi gaddisiisaa irra gahe, kanneen lafa isaanii irraa mootummaa TPLFn buqqaafaman, biyya abbaa isaanii keessatti alagoomfamuu irraa akka kosiitti ilaalamanii kosii waliin jiraachuuf dirqaman, warreen cunqursaa fi saaminsi mootummaa abbaa irree itti jabaatuu irraa jiruu fi jireenyi harkatti babbadee dha. Continue reading
Bitootessa 16,2017/ Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo karaa adda addaatiin akkuma dararaa irraan gahaa jiru Godina Arsii magaalaa Seeroftaa keessattis Dukkana ummataa cufsiisuu kan itti fufe yoo ta’uu magaalattii keessatti ummanni qaala’iinsa jireenyaatiinis dararaa adda Addaa arguudhaan gabayaa bayee waan barbaadu bitatee galuu dadhabaa jira,Kuni kanaan Osoo jiruu Ummanni akka wal quba hin
qabaanne fi akka haala yeroo irratti odeeffannoo jiru waliif hin qoonne Kaardii moobaayilaa magaalarraa dhabamsiisudhaan magaalota akka Roobee Diida’aa, Continue reading