Namichatuu baayyee sodaata jedhan.Namoota baayyee wajjin utuu karaa deemuu galgalli dhufnaan ,” maaloo nan sodaa dha jidduu keessan na rafisaa”, jedhee gaafate. Tolee jedhanii jidduu rafisan. Halkan sagalee wayyii dhaga’anii maalinni ? yaroo jedhan “calluma jedhaa anaani dha bocoqsaa jiraa”, jedhee jedhan.
Sodaachuun isaa nama marara. Namni hunduu wal qixxa onnee ykn gootumaa qaba jechuun hin danda’amu. Garuu jecha kana irraa baayyee kan nama gadisiisuu,” maaloo naaf dirmadhaa, naaf qaqqabaa, na qabatee jira”, jedhee iyyuu irraa warra fayyaa qabaniin, “calluma jedhaa “, jedhee ofii du’uuf filachuun isaa akka jiraatti sodaan ajjeessee jiru agrsiisa. Warri isa wajjin jiran sodaa waan hin qabanneef isa iyyuu lubbuu olshuu danda’u turan. Inni garuu waan sodaaf aboomamee jiruuf gargaarsa tokko utuu hin gaafatiinii fi utuu hin argatiin lubbuun isaa akka bilaashatti darbu godhe. Continue reading