Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Diddaa Uummataa Jabaachuu Irraan Humnooti Komaand Poostii TPLF Ummata Dararaa Jiru.

Aside

Bitootessaa 29/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Diddaa Uummataa fi Qeerroo Dargaggoota Oromoo irraa Sodaaguddaan kan itti bulee mootummaan Wayyaanee maqaa duulaa sakkatta’insaa humna addaa ABO jedhuun uummata hiraarsa jira.
   Haaluma Kanaan  Aanaa Jaardagaa  Jaartee bakka addaa Shullukkee jedhamu keessatti Torbee darbe irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee Waraanaa Komaandii Poostii fi humnoota basaasa isaa uummatatti bobbaasuun  humna Addaa  ABOtu isin waliin jira jechuun sakkatta’insaa humnaa olii uummatarratti gaggeessa kan jiranii fi Uummats hiraarsaa jiraachuun ibsame jira.

Continue reading

Dargaggoota Oromoo Warshaa Sukkaara Arjoo Dhidheessaa Keessaa Hojjetan 178 Ari’amuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa 28/2017 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Mootuimmaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Warshaa Sukkaara Arjoo Dhidheessaa keessa sadarkaa garaagaraa irratti ramadamani Hojjetan 178 hojii irraa Arii’uuf qophii xummuree kan jiru yoo ta’uu, Ilmaan Oromoo 5 immoo Waraana Kokmandii Poostii Wayyaaneetiin ukkaanfamuun Aanaa Jimmaa Arjoo magaalaa Arjoo Awuraajjootti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen Qeerroo Godina Lixa Oromiyaa gabaasan.
  Ilmaan Oromoo biyyaa abbaa isaanii keessatti Oromummaa  yakkamanii hiraarfamaa jiran kanneen Warshaa Sukkaaras Arjoo Dhidheessaa irraa qabamani hidhaman keessaa kan ammaf maqaan adda bafaman :
1. Dargaggoo Ayyaanaa Badhaasaa
2. Dargaggoo Yooseef Gaarummaa,
3. Dargaggoo Waggaarii Bayyanee
 4. Obboo Iddoosaa Gulummaa
5. Dargaggoo Taamiruu Dajanee kanneen keessatti argaman ukkanfamuun hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun ibsamee jira.

Continue reading

Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Waraana TPLFn Cufamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa 29,2017, Godina Arsii keessatti manneen daldalaa dhuunfaa cufsiisuun akkuma itti fufetti jira,Godina Arsii Aanaa Suudee magaalaa Darrabbaa keessatti wayyaaneen manneen daldalaa dhuunfaa cufuudhan dirqamaan daldaltoota sabaan Oromoo ta’an dirqamaan gurmaayaa jechuun hojii dhuunfaa isaanii irraa ittisaa jiraachuun beekamee jira.

Bifuma wal fakkaatun Godinuma kana Maagaalaa Eddoo keessattis daldaltoota daldala dhuunfaarratti eeyyama baafatanii daldalan eeyyama haaromsiisaa jechuun manneen isaanii irratti cufuudhaan erga waajiratti waamaniin booda gurmootanii dalaguu qabdu jechuun dirqamaan hojii isaanii irraa ittisaa jiraachunis gabaafamee jira.

Wayyaaneen TPLF “Waldaan Ijaaramtanii Daldaluu Qabdu” Jechuun Ummata Tooftaa  Hirkatummaa Jala Galchuuf Duula Banee Jira.

Aside

Bitootessa 28,2017/Gocha gara jabinaa hamaaf ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun maqaa ABO tu akkas godha jedhuun waggoota dheeraa umurii dheereffattee turuun Wayyaanee beekamaadha.Gocha sana itti fuukleffachuun tibba darbe jechuun ji’oota muraasa duras dalagaa hamaa manneen kadhataa gubuu raawwattee  Dhaabaaf,qaama biraatti maxxanfachuuf yaalaas turte.Adeemsa sanas uummanni irra aanuu hubachuun naannoowwan ollaa Oromiyaa uummata keenyaan walitti buuftee utuu jirtu tibbana,Godina Jimmaa Aanaa Limmuu saqqaa magaalaa Atinaagootti motummaan abbaa Hirree harkaa woyyaa jalaatiin dukkaana uffataaf Sheedii (Mana woldaa) dargaggoof kennamee ture abiddaan barbadeesse.ABO tu isin keessa jira jechuun hololtoota isaa OPDO keessw lakkisee jiraachuun himame. Namoota manneen duraa gubate Continue reading