SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 7, 2017
Aside
Bitootessa 7,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa keessatti guyyaa har’aa waraanni Wayyaanee TPLF mana manarra deemuun namoota nagayaa buufata konkolaataa magaalaa Dodolaa keessatti walitti qabee konkolaataan fe’uudhaan gara mana hidhaatitti guuraa oole,hanga ammaa namoota 300 dhibba sadihii ol hidheera galgala kanas magaalattii keessatti ummata daandirraa qabee reebaa jira. Continue reading
Bitootessa 7,2017, Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa fi hooromsa jedhuun wal qabatee hojjettoonni waajira teelee magaalaa Naqamtee keessaa heedduminaan ukkaamfamaa akka jiran maddeen Qeerroo Leeqaa gabaasan.
Waajjira teelee kan mootummaa magaalaa Naqamtee keessatti baatii kana keessa sirni saamichaa fi humnaan qabeenyaa uummata oromoon duroome murni bicuu Wayyaanee hojjetoota teelee kan waajjira teelee magaalaa Naqamtee keessaa hojjetan irratti kisaaraa birrii miiliyoona 36 malaammaltummaan hojjetoota kanneen irratti waan argameef jecha heedduminaan hojjettoonni waajjira teelichaa ukkaamfamaa jiraachuu Qeerroon leeqaa gabaasee jira. Continue reading
Bitootessa 6,2017
Godina Arsii keessatti kumaand poostiin ummata nagayaa hidhaan dararuu itti fufuun Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa keessatti namoota Xoollayitti hidhamanii gadhiifaman Sababii namootni hedduun T-shirt Irra hin deebi’amu jedhuufii barruulee Wayyaaneen itti hirte gubanii fi balfa keessatti darbaniif jecha Namoota gara dhibbaaf Shantamaa 150 ta’an Gamoo 2020 Opin Kolleejjii keessatti hiitee erga dararuu eegaltee torbaan gahaa jira,Yeroo ammaa haalli ummanni magaalattii keessa jiru baay’ee yaaddessaa ta’uun dhagayamaa jira. Continue reading