Oduu adda addaa Bitootessa 11, 2017

Aside

Bitootessa 11/2017 Guyyaa Har’aa Mahaalaa Ambootti Uummatni Oromoo Magaalaa Amboo fi Naannoo Isheetiin Sirni Simannaa reeffa Sabboonaa Oromoo Abbaa Seeraa #Hayiluu_Kiflee_Leellisaa gadda guddaa onnee nama tuquun uummatni Oromoo bahee Simate. Sirna awwaalchaa isaa irratti Argamuuf Dargaggootni Oromoo Godina Lixa Shaggar addatti Aanotaa Naannoo Amboo fageenyaa fi dhiyeenyaa irraa irratti argamuuf hedduminaan dirmachuuf socho’aa jiraachuun gabaafame. Magaalaan Amboos kan duriin olitti Waraanaa Wayyaanee Komaandii Poostii humnaa oliin eegamaa fi raafama guddaatu jira. Guutummaa Sirna Gaggeessaa sabboonaa Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee guyyaa boruu gaggeeffamuuf jiruu isiniif dhiyeessina.


Continue reading