Daily Archives: March 2, 2017
Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni
Aside
Bitootessa 2,2017
Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni mooraan waraanaa guddaan Yuniibarsiitii Asoosaa bira kan inni jiru, akkasumas manni kennameefi kankeessa jiraatinis jiru, waraanni alattis keessatti argaman kun ijoollee shamarranii sodaachisuudhaan gocha akka saalqunnamtii seeraan alaa yeroo raawwatantu jira. Gama biraatiin ijoolleen oromoo achitti argaman dhiphina keessa jiraatu, galgala sa’atii sadiitti waraanni mooraa seena, barataan 3:00 tti olseenuu hindanda’u, 5 booda immoo sababa malee mooraa keessa deemuun dhorkaadha.
Manni fincaanii dormi barataa irraa siqee ijaaramee jira, fknf yoo sa’atii amma jedhametti dhaqxe waaraana sana irraa gaaffii akka eessaa deemta?, maalhojjechuu deemta? sa’atii kana maa deemta? fi ulee sanaan dhahamuufi dhiitamuunillee nijira, kun anaanis namudatee argeera.Haalli kunimmoo jireenya egeree keenyaaf sodaachisaadha.Walii gala jireenyi barataa Oromoo moorichaa kana fakkaata
Must listen– “Tokkummaa Lafatu Si Dheebote” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa, Bitootessa 2,2017
Aside
Bosonni Oromiyaa Godina Wallaggaa Qeellam Aanaa Anfilloo Abbootii Qabeenyaa Tigraayiin Manca’aa Jira.
Aside
Bitootessa 2,2017
Godina Wallaggaa Qeelam Anaa Anfilloo keessaa lafti ummataa fudhatamee amma abbootii qabeenyaa dhalootaan Tigiroota ta’aniif kennamaa jira, aanaa Anifiiloo keessatti yeroo ammaa bosona baldhaa fi lafa ummata irraa fudhatame bosonatti ibiddaa qabsiisuun bosona umuriin dheeraa ta’e guggubaa fi manxaasaa jiru. Continue reading
Wayyaaneen TPLF Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Leenjii “Haaromsa gadi fagoo” Barsiisotaa fi Barattootaa Dirqamaan Kennamuuf Jedha.
Aside
Bitootessa 2,2017
Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti Leenjiin “Haaromsa gadi fagoo” jedhu jalqabuuf kan jiru yoo ta’u,barsiisotaaf bor irraa jalqabee kan
itti fufu akkasuma barattootaaf illee kennamuu akka qabu Wayyaanee TPLF n kan durfamu dhaaba ergamaa OPDOn dhaadachaa jiraachuun himame.
Haala ulfaata Uummanno keenya keessa jiru kanarti saatii diinaan wajjin yaada wal jijjiirru kan hin qabne ta’uu Qeerroo Moorichaa ifa godha.Walga’ii qaama mootummaan waamamu kam irraayyu hafuun akkasuma walgaayii diinaa irrati akka hin hirmaanne wal hubannoon barbaachisaa ta’uu dirqama Qeerroo moorichaati. Continue reading