
Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefame
Aside

Baarentuu Gadaa Irraa
Gabrummaa jala jiraachuun du’aan gararraa, jiraan garjallaa akkuma jedhamu san akkaan hammaataa dha. Namni gabrummaa jala jiru; jiruun isaa jiruu jireenyaan gadiiti. Kan kiyya jedhu hin qabaatu, dubbatu kan jalaa dhagahu hin jiru, iyyatu kan mirmatuufis hin jiru. Nama ta’ee osoo jiruu gabroonfattootaan gadootti ilaalama. Abbaa biyyaa ta’ee osoo jiruu akka lammii lammaffaatti itti rorrifama. Qabeenya isaatti halagagaadha. Biyya isaatti Orma. Walumaa galatti nagahaan bahee galuu hin danda’u. Kan ummanni Oromoo barootaaf keessumaa bara bittaa wayyaanee keessa jirus dhugaadhuma akkasiiti. Continue reading