Godina Arsii Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Cufamaa Jiru.

Aside

img_20170302_025638 img_20170302_044008 img_20170302_063408Godina Arsii Magaalota hedduu keessatti mootummaan wayyaanee suuqota daldalaa bakkoota adda addaatitti namootarratti cufaa jira,gibira humnaa olii kaffaluu qabdu jechuun ummata rakkisaa jira,addaatti namoonni gocha diinaa kanaaf saaxilaman oromoota ta’uun dhagayamaa jira,magaalonni wanti kun keessatti ta’aa jiru Dheeraa, Asallaa, Kofalee fi Muneessa ta’uun barameera.

Kanamalees Godina Arsii Aanaa Roobee 16996463_476319739424767_2829710792785344410_n 16999169_1878532229102929_468994923519531720_nMagaalaa Saddiiqaa keessaatti ummata nagayaa hidhuuf doorsisuun dhagayamee jira,Akkuma beekkamu guutuu Oromiyaa keessaa FXX tiin wal qabatee ummata hedduu mana hidhaa xoollay Awaash fi Sanqalleetti dararaa turuun isaa ni yaadatama,magaalaa Saddiiqaa keessaayis namoota hedduu achitti hidhee bilisaan gadhiise keessaa guuree ammallee mana hidhaatitti dachaasaa jira,namoonni ammaaf hidhamanii jiran Gazaalii Jamaal,Hajjii Jamaal,Amaan H/ Tunaa kanneen jedhaman keessatti argamu

Waldaa Liqiif Qusannaa Oromiyaa Erga Nu Keessa Dhaabbatee Nageenyi Keenyas Qabeenyi Keenya Hunkuramaa Ta’e

Aside

Gurraandhala 30,2017/ Oromiyaa keessatti maqaa WLQO jedhuun Humni bitamtuu Wayyaanee OPDO uummata Oromoo irratti erga Waajjira dhaabbattee asitti,Oromonno keessattuu qote bulaan Oromoo haala ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.Maallaqi akka Liqiitti kennamu kan of dhalee galu waan ta’eef Oromoon maallaqa isaa kuufachun akka itti ulfaatee jiru himame.Qotee bulaan dubbifne akka nuuf ibstti “WLQOn eega nu keessa dhaabbate nageenyi keenyas qabeenyi keenyas hunkuramaa ta’e,rafnu nagaa dhabnaa yaaddoon mataa gadi qabnee bulla.Maallaqa sana kaffaluuf midhaan nyaataa gurguruun dirqama,kunimmoo hirii qabeenyaa keenyaa halayyaa buusee jira”jechuun dubbatan.

Gama biraan Yunibarsiitii Asoosaa Keessatti Nyaata Dhorkatamuun Continue reading