Meeshaan Abbaa Hojetateef Dhimma Baasa

Aside

Damee Booruutiin

Showa

Namni suphee irraa jireenyaaf meeshaa tolfatu,  biyyoo qotee, bukkeese, xafaxxafee  meeshaa dhimmi isaaf baasu tolfata. Eellee yoo tolfate ittiin buddeena bisheefata. Xuwwee yoo tolfatee bishaan ittiin buluqfata. Jabanaa yoo tolfate ittiin buna dhaabbata. Meeshaa hunduu dhimmaa barbaachisaa tahe akka raawwatuuf kan  xiyyefatame dha. Yoo dhimma kan hin baafneef tahe abbaan qabeenyaa caccabsee baasee kosiitti  darba.

Ijaarsi OPDO qabeenya Uummata Oromoo miti. TPLF ijaarsa OPDO akka dhoqqee xaxxaftee akka dhimmi baasuuf kan ijaarate dha. TPLF uummata Oromoo dura meeshaa ishee kan tahe OPDO dhaabdee uummata keenya burjaajessuu fi gowwoomsuuf waan hin goone hin qabdu. Qondaalonni OPDO wal duraa boodaan “nuyi  ijaarsa Oromoo ti, Uummata Oromoo ijaarre akka mirga isaa gonfatu goona”jechaa , ilmaan Oromo ajjeessaa fi ajjeesisa,   qabeenya Oromoo saamaa fi saamsisaa waggaa dhigdamii shanii ol itti wal furaa jiru. Yaroo uummatni Oromoo isaan xuxxee tufu TPLF warra uummatni jibbe akka qodaa cabe achi darbitee isa afaan mi’ahu tokko fuula isaa dhadhaa dibdee as uummatatti baafti. Meeshaan TPLF iif dimma hin baafne jiraachuuf ayyaana tokko illee hin qabu. Qabeenya dhuunfaa ishee waan tahee akka barbaade itti xaphachaa jirti. Continue reading

Gaafii Ummataawaliin Dhahanii Bira Darbuuf Yaaluun  Essanuu Nama Hin Gahu!

Aside

Xumura Abbootii irree!

Baarentuu Gadaa Irraa

qeerroo-aboUmmanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan  yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.

Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru.  Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru.

Namni  Saadaam Huseen, Kolaneel Gaadaafii, chaarlas teelar, bin alii, Idaamiin daadaa fi  abbootii irree Afrikaa  du’a badan arge  yakka hin dalagu. Qondaaloonni Wayyaanee har’a haangoo harkaa qabna jedhanii  ummattoota impaayeera itiyoophiyaa keessumaa ammoo ummata Oromoo dararaa fi saamaa jiranis osoo qalbii qabaatanii bor beekoo ta’anii yakka amma Oromoorratti raawwachaa jiran kana hin raawwatan. Continue reading